Dargaggoonni hojii tajaajila lammummaa keessatti adda durummaan hojjetan badhaafaman

426

 Finfinnee,/TOI/, Onkoloolessa 4/2012 Dargaggoonni hojii tajaajila lammummaa keessatti gahee olaanaa bahatanii fi duudhaa Oromummaan  hojjetaniif Finfinnee Galma giddu gala aadaa Oromootti beekamtiin kenname.   

Sirna badhaasaa kana kan qopheesse biiroo dhimma dubartootaa, daa’immanii fi dargaggoota Oromiyaati.  

Itti aanaan hoogganaa biiroo Dhimma Dubartootaa, daa'immanii fi Dargaggoota Oromiyaa obbo Huseen Zinaab Sagantaa kana irratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti yeroo ammaa kana maqaa biyyi keenya ittiin beekamtu hiyyummaa, sarbamuu mirga namoomaa fi beela keessaa bahuun muummichi ministiraa dooktar Abiy Ahimad Noobeelii Nagaa Addunyaa bara kanaa kan itti badhaafaman waan ta’eef adda isa taasisa jedhaniiru.       

Hojii kenna tajaajila lammummaa irratti hirmaachuun uummata Oromoof duudhaadhas jedhaniiru.

Tajaajilli lammummaa Nama humna hin qabneef humna tahuu, kan qabeenya hin qabneef kan qabnurraa qooduu, beekumsaa fi dandeettii qabnu walitti qindeessuun waliif birmachuudhas jechun dubbataniiru.

Dorgommiin bakka jirutti guddinni jira kan jedhan obbo Huseen falaasama idaa’amuutti fayyadamuun wal morkii fi wal tumsi madaallii isaa eeggate jiraachuu akka qabu himaniiru.  

Tajaajila lammummaa naannichatti kennamaa tureenis dargaggoonni miliiyoona 5 fi kuma 600 kan hirmaatan yoo ta'u, hojiin qarshii biliyoona 1 olitti tilmaamamu namoota miliiyoona 21 ta'aan  fayyadamaa taasisuu isaa eeraniiru.  

Qeerrowwanii fi qarreewwan hojiwwan hojjetaniif kabaja guddaa argachuu akka qaban ibsuun sagantaan badhaasaa kun kan qophaa’e ta’uus ibsaniiru. 

Sagantaa kanarratti seekteroonni mootummaa sadarkaa sadarkaan argaman, godinaalee fi bulchiinsi magaalotaa akkasumas dargaggoonni hojii fakkeenyummaa qabu raawwatan badhaafamaniiru jechun biiroo dhimmoota koomunikeeshinii  oromiyaa gabaasee jira.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015