Guyyaan Alaabaa Asoosaa Fi Naqamteetti kabajame

79

Naqamtee/Asoosaa Onkoloolessa 03/2012 /TOI/  -Magaalaa Naqamtee fi Naannoo Beenishaangul Gumuuzitti guyyaa Alaabaa 12ffaan kabajameera.

Kabaja Alaabaa magaalaa Asoosaatti taasifame kana irratti aangawoonni mootummaa olaanoo fi ummatni naannichaa argamaniiru.

Naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteettis guyyaan Alaabaa kun kabajameera.

Sirna Kabaja Alaabaa magaalaa Naqamteetti taasifamee kana irratti aangawoonni mootummaa olaanoo, Miseensoonni Raayyaa ittisa biyyaa fi jiraatoonni naannichaa argamaniiru.    

Guyyyaan allaabaa kan baranaa " Alaabaan keenya bu'aa ida'amuu sabdaneessummaa fi bu'uura tokkummaa keenyaati." jedhuun kabajameera.

Alaabaan keenya kan abboottiin wareegamaan nuu dabarsanii fi seenaa ol'aanaa kan qabuu dha jedhan af-yaa'iin mana marii Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee adde Saadiyaa Ahimad.

Kanaan boodas hubannoo kabaja alaabaarratti qabnu cimsachuun gochoota seeraan fayyadama alaabaa irratti dhorkaman hanbisuun isaan eeyyamaman immoo hojiirra oolchuu qabnas jedhaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015