Cabbiin Antaartiikaa Yaaddoo ta’aa jira

83

Amajjii 8/2011 Dhaabbanni saayinsii akkaadaamii biyyaalessaa Ameerikaa dhihoo kana Antaartiikaarratti qorannoon taasise akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1979  eegalee waggoota 40 darbaniif naannawa kanatti cabbiin baqu wagga waggaadhaan dachaa 6n dabalaa dhufuusaa ibseera.

Dhaabbanni kun kanaaf sababa kan ta’e addunyaarratti hoo’i yeroo gara yerootti akka malee dabalaa dhufuusaa eeree, bara 1979-2017tti sadarkaa biyyaalessaatti waggaa waggaadhaan galaanni saantii meetira 1.4n ol ka’aa dhufuusaa gabaasasaa keessatti mul’iseera.

Qorattoonni dhihoo kana Antaartiikaa iddoowwan 18tti dooniidhaan naanna’anii qorannaa taasisaniin, naannawa kanatti yeroo gara yerootti baqquun cabbii akka malee dabalaa jira.

Cabbiin Antaartiikaa akkasitti baqaa yoo deeme waggoota muraasa itti aananitti ol ka’insi galaanaa akka malee akka dabaluu fi dhala namaatiif madda balaa isa olaanaa ta’uu akka danda’u yaaddoo qaban dabalanii hubachiisaniiru.

Akka kanaan qorattoonni bara 1979-1990tti Cabbiin Antaartiikaa wagga waggaattii jiddu galeessaan toonii biiliyoona akka hir’atu mirkaneesseera.

Bara 2009 asitti waggoota darbaniif kan ture caalaa dacha 6 ol akka malee dabalaa dhufuunsaa ibsameera.

Damee kanatti qorannoo kan taasise kan biraan dhaabbanni nageenyaa biyyaalessaa Ameerikaa ‘NAASAA’ gamasaatiin, saatalaayitii fi xayyaaraan sona taasisee odeeffannoo fi suuraa walitti qabuudhaan yaaddoo jiru eeree, fuulduraaf  haala qilleensaa addunyaa sirreessuudhaan cabbie baqu hir’isuudhaan hojiin guddaan hojjetamuu akka qabu addeesseera.

Madda- Aljaziiraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015