Alaabaan Eenyummaa, Tokkummaa Fi Calaqqee Biyya Tokkooti – Af Yaa'ii Caffee Oromiyaa

108

Finfinnee, Onkoloolessa 3/2012 /TOI/ - Guyyaa Alaabaa biyyoolessaa akka Oromiyaatti yeroo 12ffaaf bakka aangawoonni mootummaa olaanoo argamanitti Saarbeetitti kabajameera.   

Kabaja kanarrattis Af-Yaa'iin Caffee Oromiyaa addee Loomii Badhoo haasawa taasisaniin alaabaan eenyummaa, tokkummaa fi calaqqee biyya tokkooti jedhaniiru.   

Wayita biyyi keenya diinotaan weeraramtetti ummanni biyya keenyaa alaabaasaa qabachuun amanamummaa alaabaasaa fi jaalala biyyasaaf qabu seenaawwan dirree waraanaa garaagaraarratti agarsiusaniiru.   

Kana keessattimmoo adda durumnaan duuluun walabummaa biyyasaaf i alaabaasaatiif wabii dhaabbachuun seenaa boonsaa Kan galmeessise Oromoo dhas jedhaniiru aaddee Loomiin.  

Sirnoota darban keessatti alaabaaf kabajaa fi hiikkaan sirriin kennamuu dhabuu fi mallattoowwan gosa ykn qaama muraasaa qofa irra kaa'uun ummata biyyattii adda qooduun kabaji alaabaa akka gadi bu'u ta'eera.

Kanarraa kan ka'e hanga har'aatti ilaalchii fi hiikkaan alaabaa biyyattiif kennamu gaaffii jala Kan jiru dha.

Mootummaan rakkoowwan kanaan wal qabatanii ka'anii fi falmisiisoo ta'an walitti araarsuu fi hiikaa alaabaa hubachiisuun alaabaa sabootaa fi sablammoota biyyattii hunda bakka bu'uu fi ibsuu danda'utti fayyadamuun akka kabajamu taasisaa jira.

Alaabaan ummattoota biyyattii hunda bakka hin buune akkuma sirnoota cunqursoo darbanii humnaan namatti fe'uuf sochiin taasifamu kara kamiinuu fudhatamaa kan hin qsbnedha jedhani.

Ummanni keenyas alaabaa utubaa fi tokkummaa biyya keenyaa ta'e jalatti tokkumnaan hiriiruun wal qixxummaa fi jaalalaan ummatoota waliin akka hojjetu dhaamanii, kutannoo ummanni jijjirama amma jiru itti fufsiisuuf agarsiiseefis galateeffataniiru jechun BDHKMNO gabaaseera.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015