Warshaan Daakuu birrii miilliyoona 42 oliin ijaarame eebbifame

113

Fulbaana 29/2012 /TOI/ Warshaa Daakuu fi manni kuusaa Federeeshiinii Waldaalee hojii gamtaa qonna Oromiyaatiin magaalaa Galaanitti  baasii  birrii Milliyoona 42 oliin ijaarame ijaarame eebbifame.  

Sirna eebbaa warshaa kanaa irratti itti aanaan prezdaantii motummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa argamanii jiru.

Obbo Shimallis wayituma kana has'a taasisaniin akka jedhanitti mootummaan warraaqsa diinagdeerratti xiyyeeffachuun hiyyummaa uummata naannichaaf gadadoo ta'e hundeerraa furuuf kutannoo olaanaadhaan hojjechaa jira jedhan.    

Qonnaan bulaan keenya oomishasaatti sona dabaluun bu'a qabeessa ta'uu akka danda'u qabatamaan argaa jirras jedhaniiru.    

Kana ammoo caalaatti bu'a qabeessa taasisuuf Waldaalee Hojii Gamtaan gurmaa'anii hojjechuun bu'a qabeessa akka ta'aniif mootummaan deggarsa walirraa hin cinne akka taasisu himanii jiru.

Diinagdee Oromiyaa jijjiiruu keessatti Waldaaleen hojii gamtaa gaheensaanii olaanaa akka ta’es dubbataniiru.

Mootummaan naannoo Oromiyaas milkaa'ina hojichaaf magaalota gurguddoo jiran keessatti haalli iddoo hojii akka mijatuuf ni hojjetama jedhamee jira. 

Warshaan kuni guyyaatti daakuu Kuntaala kuma 1 fi 200 hanga kuma 1 fi 500tti kan oomishu yoo ta'u, namoota 200f carraa hojii kan uume dha.    

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015