Jilli Shaampiyoonii Atleetiksii Addunyaa Dohaa Irratti Hirmaate Simatame - ENA Afaan Oromoo
Jilli Shaampiyoonii Atleetiksii Addunyaa Dohaa Irratti Hirmaate Simatame
Finfinnee Fulbaana 28/2012 (TOI) – Jilli atleetiksii Itiyoophiyaa Kuwaatar Dohaatti Fulbaana 16 hanga Fulbaana 25 bara 2012tti gaggeeffame shaampiyoonnaa atleetiksii 17ffaa idil addunyaa irratti hirmaachuun sadarkaa 5ffaan kan xumuran simannaan tasiiffameera.
Jilichi warqee lamaa, meetii shaan fi naasa tokko walumaagalatti meedaliyaa saddeetin addunyaa irra sadarkaa 5ffaa yoo ta’u, Afrikaa irraa ammoo sadarkaa 2ffaa xumuruun guyyaa har’aa Finfinnee galeera.
Jilli kun buufata xiyyaara Boolee Finfinnee yoo ga’u Ministirri Aadaa fi Turizimii Doktar Hiruut Kaasaaw, Itti aanaa Komishinara Komishini Ispoortii obbo Geetaachaw Baalchaa, Prezidaantiin koree Olompikii Ityoophiyaa Doktar Ashabbir Waldagiyoorgis fi Itti aanaa Prezidaantii Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa dabalatee simanna taasisaaniru.