Ayyaanni Irreechaa bara 2012 milkaa’inaan Xumurameera

135

TOI,  Fulbaana 25/2012 Tumsa Uummata Oromoofi sabaafi sablammoonni taasisaniin Irreechi Hora Finfinneefi Hora Arsadee nagayaan xumuramuusaa Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Girmaa Hayiluu ibsan.

Ayyaanicha karaa nagayaafi tasgabbiin akkasumas Aadaafi duudhaa isaa eeggatee akka kabajamu gochuu keessatti gaheen ummata Oromoo fi sabaafi sablammootaa olaanaadha.

Uummanni Oromoo duudhaa fi Aadaa isaa uummata Addunyaa bira qaqqabsiisuun Addunyaa akka beeku fi kan ofii akka godhatu taasisuu keessatti Irreechi guyyaa Lamaan gaggeeffame gahee olaanaa kan qabuudha jedhan.

Sabaafi sablammoonni Itoophiyaa Naannolee hundarraa fageenyi otoo isaan hin daangeessin aadaafi duudhaasaanitin faayamanii ummata addunyaaf kan itti agarsiisaniidha.

Bu’ura kanaan Irreechi bara kanaa tokkummaan ummata Oromoofi sabaafi sablammootaa kan itti cimee fi Ijaarsa biyyaa keessatif tokkummaan akka socho’an bu’uura kan kaa’e akka ta ‘e Obbo Girmaan himanii jiru.

Irreechi bara 2012 karaa nagayaanifi milkaa’inaan akka xumuramuu taasisuu keessatti qaamolee tumsa godhan hunda obbo Girmaan galateeffatanii jiru.

gamasaanitin Irreechi bara kanaa milkaa’ina olaanaan kan xumurame dha kan jedhan     kantibaan magaalaa bishooftuu Aadde Alamtsahaay Shifarraaw, magaalli bishooftuu ayyaanicha kan ummataa taasisuun ummanni abbummaadhaan akka gaggeessu fi milkaa’inaan akka xumuramu taasisuusaa himanii jiru.

Haala bareedaa fi hawwataa ta’een ayyaanichi akka xumuramu taasisuu keessatti gaheen ummataa olaanaa kan jedhan Aade Alamtsahaay
Ummanni Magaalaa Bishooftuu uummata irreecha irratti hirmaachuf  dhufe obbolummaan simachuun rakkoo tokko malee akka xumuramu taasisuu himan.
Irreechi akkuma tokkummaa keenya ittiin Itti calanqifneetti diinagdeedhaan of ijaaruun biyya keenya ceesisuufis ummanni keenya caalmaatti tokkoomsuu akka qabu Aadde Alamtsahaay himanii jiru.

Ummata Magaalaa Bishooftuu,hirmaattoota Ayyaannicha ,qaamolee nageenyaa,folleefi qeerroo, qaamolee milkaa’ina ayyaanichaaf tumsa taasisan hunda galateeffatanii jiru jechun kan gabaase Biiroo Koomunikeeshinii Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015