Ayyaanni Irreechaa Hora Harsadeetti Kabajamaa Jira

116

Fulbaana 25/2012 (TOI) - Ayyaanni Irreechaa kan bara 2012 magaalaa Bishooftuu Hora Harsadeetti kabajamaa jira.

Ayyaanni Irreeffannaa kunis sirna eebbaa abbootii Gadaatiin eegalameera.

Ayyaanni Irreechaa birraa kun waggaa waggaadhaan magaalaa Bishooftuutti kan kabajamu yoo ta'u, hirmaattonni naannoo Oromiyaa mara irraa dhufan miiliyoonaan  lakkaa'aman irratti ni hirmaatu.

Haaluma kanaan Irreecha baranaarrattis yeroo kamiyyuu caalaa ummanni hedduun kan irratti hirmaate yoo ta'u, haala nagaa fi tasgabbii qabuun irreeffatamaa jira.

Saboonnii fi sablammoonni naannoo Kibbaarraa dhufan ayyaana irreechaa ummata Oromoo waliin kabajaa jiru.

Suuraa OBN irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015