Ummanni miiliyoonaan lakkaa'amu gara Hora Harsadeetti Imalaa Jira

76

Fulbaana 25/2912 (TOI) - Ayyaana Irreechaa bara 2012 magalaa Bishooftuutti waggaa waggaadhaan kabajamu irratti hirmaachuuf ummanni Oromoo miiliyoonaan lakkaa'amu gara hor Harsadeetti imalaa jira.

Abbootiin gadaa, haadholiin Siinqee ,qeerroo fi qarreen, uffannaa aadaatiin faayamanii marga jiidhaa  fi abaaboo birraa qabatanii mareewoo, mareewoo jechaa gara hora Harsadeetti imalaa jiru.

Imaltoonni naannoo Kibbaarraa dhufanis ayyaana kabajamaa jiru kanarratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015