Irreechi Walitti Hidhiinsa Namootaa Fi Uumamaa Cimsuuf Ga'ee Qaba - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Walitti Hidhiinsa Namootaa Fi Uumamaa Cimsuuf Ga'ee Qaba

Finfinnee Fulbaana 24/2012(TOI) - Ayyaanni irreechaa waggaa 150 booda yeroo jalqabaaf magaalaa Finfinneetti kabajameera.
Guyyaa har'aa barii irraa kaasee hirmaattonni ayyaanichaa hedduun marga jiidhaa fi abaaboo Birraa qabachuudhaan iddoo ayyaanichi itti kabajamutti deemaniiru.
Ayyaana irreechaa hora Finfinnee kabajuuf uffannaa aadaatiin kan miidhagan abbootiin gadaa, haadholiin siinqee, abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi daa'imman ayyaanicha kabajuuf naannolee addaddaarraa dhufan argamaniiru.
Ireechi dukkanni gannaa darbee birraan bari'uu isaatiif uumaadhaaf galanni kan dhihaatu, nama qofaaf osoo hin ta'iin uumamaafis kunuunsi kan itti taasifamudha.
Walitti hidhiinsi namootaa fi uumamaa caalaatti akka cimu sirni gadaa waan baayyee akka barsiisu hirmaattonni yaadasaanii TOIf kennan himaniiru.
Walitti hidhiinsa kana eeguudhaan tursiisuu fi dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa namaan uumamu hir'isuuf uumama kunuunsuun akka barbaachisu barsiisa abbaa gadaa akka ta'e ibsaniiru.
Jijjiirama haala qilleensaa yaaddoo addunyaa ta'aa dhufe ittisuuf biqiltuuwwan dhaabuu fi kunuunsuun murteessaa ta'uu kanneen yaada kennan himanii, keessumaa ayyaanonni kanneen akka Irreechaa namaa fi uumama caalaa walitti fiduudhaan shoora olaanaa akka qaban ibsaniiru.
Hojiiwwan misooma magariisaa Itiyoophiyaatti jalqabaman bu'a qabeessa akka ta'an shoorasaanii akka ba'anis dubbataniiru.