Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ergamaa Addaa Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Waliin Waajjirasaaniitti Mari’atan

53

Finfinnee Fulbaana 23/2012(TOI) – Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergamaa addaa pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Jeef Raadeev fi doktar Kuhuuluu Baataa waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Afriikaa Kibbaatti daawwannaa akka taasisan waamichi akka taasifameef waajjirri ministira muummee beeksiseera.

Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Raampoosaa karaa ergamoota isaanii addaa ergaa dabarsaniin hariiroo seena qabeessa Itiyoopiyaa fi Afriikaa Kibbaa gara walta’iinsa tarsiimawaatti guddisuun ni barbaachisa jedhaniiru.

Kanaafis ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Afriikaa Kibbaa akka daawwatan waamicha dhiheessaniiruuf.

Haleellaa fi saamicha lammiilee biyya alaa Afriikaa kibbaa jiraataniirra ga’aa jiru ittisuuf mootummaan Afriikaa Kibbaa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi hidhamtoota hiikuu fi Ertiraa waliin nageenya uumuudhaan ga’umsa oggansummaa agarsiisaniif ergamonni addaa kunneen dinqisiifataniiru.

Ministirri muummee Abiyyi gamasaaniitiin walitti dhufeenya gaarii Afriikaa Kibbaa fi Itiyoophiyaa jidduu jiru wantoota agarsiisan eeraniiru.

Afriikaan Kibbaa agarsiiftuu guddina dinagdee fi dimokiraasii ta’uushii dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaanonni Afriikaa Kibbaa jiraatan bakka jiraatanii fi biyyasaniitti shoorri gumaachaa jiran kaasuudhaan mootummaan Afriikaa Kibbaa xaariisaanii kana akka deeggaru waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015