Warshaalee gogaa 11 irratti tarkaanfiin dhorkaa fi ofeeggannoo fudhatame

885

Finfinnee Amajjii 8/2011 Haala hambaa oomishaasaanii  itti dhabamsiisan akka fooyyessan deeggarsiifi hordoffiin yoo taasifameefillee, sirreessuu kan hin dandeenye warshaaleen gogaa 11 tarkaanfiin dhorkaa fi ofeeggannoo irratti fudhatame.

Komishiniin naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa, warshaalee rakkoo haftee oomishaa itti dhabamsiisan qaban irratti to’annaa  taasisu akka cimsu beeksiseera.

Komisninichi Warshaalee gogaa Moojootti argaman irratti tarkaanfii dhorkaa fi ofeeggannoo kan fudhate abbaa taayitaa bosonaa, naannoo fi jijjiirama qilleensaa Oromiyaa waiin ta’uunidha.

Warshaaleen kunneen labsii ittisa faalama naannoo bara 1995 ragga’ee fi danbii ittiin raawwannaa bara 2001 ba’e hojiirra akka oolchan waggaan 5 kennameefii ture.

Haa ta’u malee, komishinichi hordoffii taasiseen warshaaleen 3 haftee oomishasaanii calalanii dhabamsiisuurratti sadarkaa fooyya’aarra jiranillee, ammas waanti isaan hafu akka jiru ittaantuun komishinaraa Fireenesh Makuraa dubbataniiru.

Warshaaleen biroo 4 haftee oomishasaanii muraasaan calalanii kan dhabamsiisan yoo ta’u, kan hafan 4 ammoo osoo hin calaliin lagatti kan gadhiisan ta’uun mirkanaa’eera.

Warshaaleen haftee oomishasaanii homaa osoo hin calaliin lagatti kan gadhiisanguyyaa 15 keessatti oomisha jalqaban xumuranii akka saamsamaman itti murtaa’eera.

Warshaaleen haftee oomishasaanii muraasaan calalan 4 hojii osoo hin dhaabiin human calalliisaanii akka guutan baatiin tokko kennameeraaf.

Warshaaleen hafan 3 “rakkoo hin qabnu” yoo jedhanis qulqulleeffamee bu’aansaa baatii 3 keessatti akka dhihaatu ajajamuusaa ittaantuu komishinarittiin ibsaniiru.

Warshaaleen akka cufaman ajanyi  itti darbe rakkoosaanii osoo hin hiikkatiin hojii kan hinjalqabne yoo ta’u, hojjettoonnisaanii garuu mindaan akka jalaa hindhaabbanne himameera.

Abbaa Taayitaa bosona, naannoo fi jijjiirama qilleensaa naannoo Oromiyaatti Daayiraktarri hordoffii fi to’annaa kabajama seeraa ob. Sintaayyoo Fiqaaduu Warshaaleen hedduun abbootii qabeenyaa biyya alaatiin hundeeffaman raawwii labsii faalama naannoo fi jijjiirama haala qilleensaaf xiyyeeffannoo akka hin kennine dubbataniiru.

Sababni inni guddaan xiyyeeffannaa dhabuusaanii akka biyyaatti warshaaalee babal’isuurratti qofa waan xiyyeeffanneefi jedhaniiru.

Warshaaleen hedduun naannolee biyyattii iddoo birootti argamanis rakkoon wal fakkaataan waan keessatti mul’atuuf hordoffii fi to’annoon taasifamu cimee akka itti fufu ittaantuu komishinarittiin beeksisaniiru.