Guddinni Industirii Tuuriizimii AfriikaaAddunyaarraa Lammaffaa Ta'uun Ibsame

Finfinnee Fulbaana 18/2012(TOI) - Akka lakkoofsa warra Awurooppaatti  bara 2018  lakkoofsi tuuristoota Afriikaa daawwataii miiliyoona 67 akka ta'ee fi kun ammoo lakkoofsa daawwattoota bara 2017 dhibbantaa 7n caalee guddina akka agarsiise weebsaayitiin kuwaarteez Afriikaa jedhamu gabaadeera.

Imaammanni ilaalcha gaarii Afriikaan bifa haaraan qabatte invastimantiin damee kanaan jiru akka dabalu waan taasiseef iddoowwan tuuristii hawataa taasiseera.

Sirni Viizaa fi toorri balallii Itiyoophiyaatti eeyamame walitti hidhiinsi Finfinnee iddoo ga'umsaa geejjibaa gochuudhaan Dubaayiin caaluudhaan karaa Afriikaatti ittiin galan akka taatu taasisuusaa odeeffannoon kun ni mul'isa.

Itiyoophiyaan Afriikaarraa karaa imalaatiin guddina si'ataa agarsiisuudhaan A.L.A tti bara 2018 qofa guddina dhibbantaa 48 akka galmeessiftu dandeessisuusaa gabaasni simannaa keessummaa Afriikaa Jumiyaa Tiraaviil jedhamu eereera.

Keessummoonni daldalaa fi walga'iif dhufanis damee tuuriizimii gama guddisuutiin shoora  isaanii gumaachaniiru.

Dameen Tuuriizimii guddina ardii Afriikaa walii galaa irraa dhibbantaa 8 tuqaa 5 ga'ee yoo qabaatu carraa hojii gama uumuutiin namoota miiliyoona 24 fi kuma 300f carraa hojii uumeera.

Haala kanaan sadarkaa idil addunyaatti gama tuuristoota simachuutiin ga'een ardii Afriikaa dhibbantaa 5 qofa ta'uunsaa hojii guddaan akka irraa eegamu agarsiisa.

Kana malees damee kanaan A.L.A bara 2018 galii idil addunyaa argame doolaara tiriiliyoona 1 tuqaa 7 keessaa Ardiin Afriikaa argachuu kan dandeesse dhibbantaa 1 qofaadha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015