Atileetonni Itiyoophiyaa Maaraatoonii Barliinirratti Hirmaatan Dhiiraa Fi Dubartiin Mo'atan

114

Fulbaana 18/2012(TOI) - Atileetonni Itiyoophiyaa maaraatoonii Barliinirratti hirmaatan dhiirotaa tokkoffaa amma sadaffaa, dubartootaan tokkoffaa fi lammaffaa ba'uun mo'ataniiru.

Dorgommii maaraatoonii har'a Jarman Barliinitti adeemsifameen Qananiisaa Baqqalaa sa'aatii gaarii galmeessisiisuun mo'ateera.

Qananiisaan dorgommii kana sa'aatii lamaa fi daqiiqaa 1 fi sakondii 41n galuun mo'ateera.

Qananiisaan riikoordii Addunyaa fooyyessuuf sakondii lama qofatu isa hafe

Olompiikii fi dorgommii addunyaa atileeksiitiin kiiloo meetira kuma 5 fi kuma 10n mo'ataa kan ta'e Qananiisaan qabxiin inni amma galmeessise isaaf qabxiin amma galmeessise kun sa'aatii  si'ataa isa lammaffaa ta'uusaa federeeshiniin atileetiksii idil addunyaa weebsaayitiisaarratti ifa taasiseera.

Lammiin Itiyoophiyaa Biraanuu Naggasaa Qananiisaadhaan daqiiqaa tokkoo fi sakondii torba caalamuun lammaffaa ba'eera.

Sisaayi Lamma sa'aatii lama, daqiiqaa sadii fi sakondii 36n galuudhaan sadaffaa ba'eera.

Atileet Qananiisaa dorgommii booda yaada kenneen riikordii maaraatoonii qabamee ture fooyyessuu dhabuusaatiin gadduusaa ibsus, "abdii osoo hin kutiin riikoordicha harkatti nan galfadha" jedheera.

Dubartootaan lammiin Itiyoophiyaa Isheetee Bakaree sa'aatii lamaa fi daqiiqaa digdamaa fi sakondii 14n tokkoffaa baatee yoo mo'attu, Maaree Dibaabaa sakondii torbaan caalamtee lammaffaa baateetti.

Lammiin Keeniyaa Saarii Chiipyeegoo sa'aatii 2 fi daqiiqaa 21 fi sakondii 06n sadaffaa baateetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015