Somaaliyaatti Humni Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afriikaa Hojii Misoomaarratti Hirmaachaa Jira

55

Fulbaana 15/2012 (TOI) – Somaaliyaatti miseensonni humna nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaa (Amiisoom) dirqama nageenya kabachiisuu cinaatti hojiiwwan misoomaa addaddaarratti hirmaachaa akka jiru ibsame.

Amiisoom odeeffannoo fuula tiwiitarirratti baaseen loltuun kunneen daandii boombii awwaalame irraa qulqulleessuudhaan jiraattota naannoo fi konkolaataaf mijeessaa jiru.

Kana malees miseensonni Amiisoom Somaaliyaa Baayidawaa jiran fedhiisaaniitiin namoota human hin qabneef midhaan facaasuudhaan hojii tola ooltummaa hojjechaa akka jiran beekameera.

Haala kanaan jiraattonni naannawaa Somaaliyaatti humni nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaa (Amiisoom) aarsaa kafalanii fi deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Itiyoophiyaan Somaaliyaatti human nagaa kabachiisaa gamtaa Afriikaaf biyyoota loltoota ergan keessaa ishee tokkodha.

Afriikaa Niwuus tu gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015