Magaalaa Sabbataatti meeshaan waraanaa seeraan alaa to’annaa jala oole

50

(TOI) Fulbaana 15/2012) Bulchiinsa magaalaa Sabbataatti meeshaan waraanaa seeraan ala gara Finfinneetti dabarfamaa ture to'atame.

Konkolaataan koodii 3. A. A. lakkoofsi gabateesaa 71765 ta'e meeshaa waraanaa seeraan alaa gara Finfinneetti osoo dabarsaa jiruu to'atameera.

Qajeelchi poolisii bulchiinsa magaalaa Sabbataa akka beeksisetti  meeshaan waraanaa afurtama (40) ta’u to’annaa jala kan oole  hordoffii fi sakatta'insa qaama nageenyaatiin.

Qaamoleen adda addaa rakkoo nageenyaa uumuuf socho'aa waan jiraniif, hawaasni dammaqinaan naannoo isaa to'achuu akka qabu Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Sabbataa ibsee jechuun kan gabaase biiroo dhimmoota koomunuikeeshinii oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015