Itiyoophiyaa Fi Deenmaark Hariiroon Biyyoota Lamaanii Haala Cimurratti Mari’atan

63

Fulbaana 12/2012(TOI) – Pirezidaant Saahilawarq Zawudee Itiyoophiyaa fi Deenmaark hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf haala dandeessisurratti ministira muumme Deenmaark Mister Metii Firideriksen waliin mari’ataniiru.

Pirezidaant Saahilawarq Zawudee yaa’ii walii gala mootummoota gamtoomanii 74ffaa cinaatti  ministira muumme Deenmaark Mister Metii Firideriksen waliin wal arguun hariiroo waliigalaa biyyoota lamaanii ilaalchisuun mari’ataniiru.

Keessumaa hariiroo ijaarsa anniisaa fi jijjiirama haala qilleensaarratti taasisan kaasuudhaan hojii fuulduraaf hojjechuu qabanirratti mari’ataniiru.

Marii isaanii kanaan walga’iin cehumsa madda anniisaa Neyoorkitti guyyaa tokkoof adeemsifamee fi waliin qopheessan bu’a qabeessa ta’ee xumuramuunsaa milkaa’ina walta’insasaaniif akka agarsiiftuu tokkootti dhihaachuu akka danda’u hoggantoonni kunneen ibsaniiru.

Deenmaark Itiyoophiyaaf ijaarsota human qilleensaa irratti deeggarsa olaanaa taasisaa jirti.

Dhihoo kana deeggarsi fi liqiin birrii miiliyoona 200 ijaarsa human qilleensaa Asallaaf taasifte kan eeramu yoo ta’u, kana malees sagantaawwan gabbisa dandeettii addaddaaf deeggarsa ni taasifti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015