Fiigichi Nageenyaa irreechaa Finfinnee Nagaan Xumurame

79

Finfinnee Fulbaana 11/2012 (TOI) - Fiigichi Irreechaa guddichi mata duree "Fiigicha nageenyaa Irreechaa Finfinnee" jedhuun har'a gaggeeffame nagaan xumurameera.

Fiigicha kanarratti hawaasni bal'aa fi atileetonni bebbeekamoon addaddaa  hirmaataniiru.

Fiigicha kanarratti kan hirmaatan hundaaf meedaaliyaan kan kenname yoo ta'u, atileetota dhiiraa fi dubartootaa adeemsifameen sadarkaa tokkoffaa amma sadaffaa kan ba'aniif birrii kuma 50, kuma 30 fi kuma 20 tartiibaan badhaasa qophaa'e pirezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fudhataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015