Aramaa Imboci ittisuuf hawaasni hirmaannaasaa akka cimsu gaafatame

136

Gaabbeellaa Amajjii 7/2011 Naannoo Gaambeellaa qaamolee bishaanii addaddaarratti babal’achaa kan jiru Aramaa Imboci ittisuuf hawaasni hirmaannaa cimaa akka taasisu gaafatame.

Naannichatti aanaa addaa Itaangi haroo giddu galeessaa tokko keessatti kan mul’ate aramaa Imboci hirmaannaa ummataatiin balleessuuf hojjetamaa jira.

Wayituma kanatti itti gaafatamaan biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa doctor Loowu Ubuup akka dubbatanitti, aramaan Imboci bishaan boollaa, haroo, laga Baaroo fi qaamolee bishaanii biroo naannicha keessatti argaman irratti babal’atee miidhaa geessisaa jira.

Keessumaa Aramaan kun haroo giddu gala aanaa addaa Itaangitti argamurratti mul’achuudhaan miidhaa guddaa geessisaa akka jiru hubachiisaniiru.

Haroon kun jiddu galeessota gandaa naannawa kanatti argaman shaniif tajaajila addaddaaf akka oolu eeranii, hawaasni yeroo bonaa bishaan barbaacha laga deemaa kan ture dhiisuudhaa dhaabbataadhaan jiraachuu jalqabuusaa ibsaniiru.

Haa ta’u malee Aramaan Imboci haroo kanarratti mul’ate babal’atee miidhaa geessisaa waan jiruuf hawaasarratti yaaddoo ta’aa  akka jiru beeksisaniiru.

Miidhaa aramaan Imboci geessisaa jiru ittisuuf hojii eegumsa naannoo bonaatiin  hawaasa hirmaachisuudhaan aramaa kana balleessuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Riippoortarri tajaajila oduu Itoophiyaa jiraattota naannichaa aramaa kana balleessa jiran wayita dubbisetti haroon kun jiraachuusaatiin loon, qulqullina ittiin eeggachuu fi tajaajila oomisha qurxummii kennaa akka ture ibsaniiru.

Jiraattota keessaa ob. Kaangi Nyaak akka jedhanitti, haroonkun aramaa kanaan osoo hin uwwifamiin dura loon isaaniif, qurxummii baasuu fi tajaajila biroof  itti fayyadamaa turaniiru.

Wayita ammaa haroo kanarratti aramaan waan mul’ateef faayidaasaanii dhabuudhaan rakkachuusaanii ibsanii, hawaasa waliin ta’uudhaan human namaatiin aramaa kana balleessuuf hojii jalqabuu isaanii dubbataniiru.

Sagantaa gandaan walitti qabuutiin naannawa kana osoo hin dhufiin dura loon isaaniitiif bishaan barbaacha iddoo addaddaa deemaa akka turan kan iban ammoo jiraataa naannichaa kan ta’an ob. Tooch Gaacidha.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa addaa Itaangi ob. Ukuchuu Manuchii gamasaaniitiin, aramaan Imboci miidhaan inni haroo kanarraan geessisaa jiru hawaasaaf hobannoon waan kennameef  hawaasni kaka’umsa isaatiin dhabamsiisuurratti akka bobba’e ibsaniiru.

Aramaan Imboci kana dura haroowwan Xaanaa fi Abbayyaa irratti akkasumas qaamolee bishaanii naannawa Arbaamiinci irratti babal’atee hirmaannaa ummataatiin ittisuuf hojjetamaa akka jiru tajaajilli oduu Itoophiyaa walitti aansee gabaasaa tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015