Fiigichi Irreechaa Guddichi Jalqabame

79

Finfinnee Fulbaana 11/2011(TOI) - Taateewwan ayyaanni Irreechaa barana Hora Finfinneetti ittiin kabajamu keessaa tokko kan ta'e fiigichi Irreechaa guddichi jalqabame.

Ka'umsi isaa fi xumurrisaa addababayii Masqalaa Finfinnee te'e fiigicha Irreechaa guddicha Irrechaa kanarratti namoonni kums 50 ol kan irratti hirmaatan yoo ta'u, atileetonni bebbeekamoon Oromiyaa, Amaaraa,

Kibbaa fi bulchiinsa Dirreedawaarraa dhufan 550 ta'an ni hirmaatu.

Fiigicha Irreechaa guddicha kanarratti kanneen hirmaatan hundaaf meedaaliyaan kan kennamu yoo ta'u, kanneen 1 amma 3 bahan maallaqa ni badhaafamu.

Fiigichi kun namoota hedduu hirmaachisuudhaan seenaa Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabaa akka ta'ellee beekuun danda'ameera.

Fiigichi guddichi Irreechaa kun eebba Abbootii gadaatiin kan jalqabame yoo ta'u, pirezidaantiin itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa jalqabsiisaniiru.

Irreechi waggaa 150 booda yeroo jalqabaafidha Hora Finfinneetti kan kabajamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015