Ramaddiin Kilaboota Kubbaa Miilaa liigii Itiyoophiyaa irratti hirmaatanii kibxata ifooma

70

Finfinnee Fulbaana 8/2012 /TOI/ Ramaddiin Kilaboota Kubbaa Miilaa liigii Itiyoophiyaa irratti hirmaatanii Fulbaana 13 bara 2012 akka ifoomu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.     

Carraan ramaddii kubbaa miilaa dhiiraa bara 2012tti liigii Itiyoophiyaa irratti hirmaatanii Kilaboota 24 kibxata akka bahu federeeshinichi kan ibse.    

Federeeshinichi ibsa miidiyaaleef kenneen akka hubachiisetti, Maqalee 70 Indartaa, Dedebiit, Sihuul Shiree fi Yuunvarsiitiin Walwaloo Addagiraati garee tokko jalatti akka ramadaman murteessee ture.

Magaalaan Baahir Daar, Faasiil Kanamaan immoo ramaddii biroon, akkasumas Bunni Sidaamaa fi Walaayitaa Diichaan ramaddii gara garaa jalatti akka ramadaman murtaa’eera.  

Ramaddiin kilaboota 16 hafanii immoo Fulbaana 13 bara 2012 hooteela Iskaay Laayititti carraan akka bahuu ibsamee jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015