Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad jila ministira Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Faransaayin duurfamu waliin mari’atan

82

Finfinnee Fulbaana 8/2012 (TOI) Muummeen ministiraa Dooktar Abiyyi Ahimad jila ministira Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Faransaay Fraank Raayistariin duurfamu waliin mari’atan.

Mootummaan Itiyoophiyaa damee tuuriizimii fi kalaqaarratti invastimantii hawwachuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Abiy ibsaniiru.  

Eegumsa hambaaleef xiyyeeffannaa kennames ibsaniiru.

Deeggarsa mootummaa Faransaayin haaromsii fi suphaan taasifamaafii kan jiru masaraa mootummaa fi manneen amantaa Ortodooksii Laalibalaarratti mari’ataniiru.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy hojiin haaromsaa akka saffisu preezdaantiin Faransaay Eemaanu’eel Maakroon tumsa taasisaniif galateeffataniiru.

Fraank Raayistar gama isaanitiin biyyoonni lamaan hambaaleerratti hojiin waltumsaan hojjetan muuxannoo waliiqooduu fi deeggarsa teeknikaa taasisuuf ni gargaara jedhaniiru.

Madda:- Waajjira muummee Ministraa 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015