Biqiltuun “Chaayaa`` jedhamu raafuun walfakkatu nyaataaf akka oolu qorannoon mirkanaa’e.

Dirreedawaa amajji 8/2011 Biqiltuun ``Chaayaa`` jedhamu raafuun wal fakkaatu kun nyaataaf ooluu akka danda’u qorannoon mirkanaa’uu isaa Yunivarsiitiin Haroomayaa beeksise.

Yuniversiitichatti itti aanaan pirezidaantii akkadaamiksii fi qorataa olaanaa pirofeesar Nigusee Dachaasaa bu’aa hojii qorannoo isaanii waqtii ifa godhanitti akka dubbatanitti, biqiltuun kun waggoota darban lamaanitti buufata qorannoo ``toonii Faarm`` jedhamuun yaaliin taasifamee nyaataaf oolchuun akka danda’amu mirkanaa’eera.

Biqiltuun kun waggaa 50 dura biyya Meeksikoodhaa kan dhufe yoo ta’u, faayidaan ala taa’aa akka ture yaadachiisanii, biqiltichi dheedhii osoo hin ta’iin  affeelamee nyaataaf akka oolu beeksisaniiru.

Biqiltuun kun qoosxaa fi raaafuu caalaa albuudaa ofkeessaa akka qabu mirkanaa’uu isaa kan ibsan immooo miseensa qorannoo kanaa fi Yuniversiitichatti barsiisaa sirna nyaataa kan ta’an obbo Daani’eel Alamuu dha.

``Biqiltuu kana duwwaa isaa affeeluun akkasumas foon,shiroo,Harargee bahaatti nyaataa aadaatiin kan beekamu `laaffisoo` wajjiin walsimsiisuun nyaataaf itti fayyadamuun ni danda’ama`` jedhaniiru.

Pirojeektii qorannichaa kan hoogganan gargaaraa pirofeesaraa doktor Waaluu Mahaammad gama isaaniitiin biqiltuu kana kukkutanii yoo dhaaban ji’a sadii keessatti baala baafatee nyaataaf ooluu akka danda’u hubachiisaniiru.

Haalli qilleensa Itoophiyaa biqiltuu kanaaf mijataa fi qoqiinsa dandamachuu kan danda’u waan ta’eef sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuuf faayidaa olaanaa qabaachuu isaa dubbataniiru.

``Bakka qorannoo kanaatti biqiltichi baay’inaan dhaabbate kun naannolee Dirreedawaa fi Harariif raabsamee hojiirra akka oolu ni godhama`` jedhaniiru.

Naannoolee biyyattii bakka rooba ga’aa hin argannettis ni raabsama.

Bakka bu’aan Waajjira qonnaa Dirreedawaa obbo Shamsaddiin Ahmad biqiltuun kun bakka hanqinni roobaa jiruu fi qonnaan bultoota wabii nyaataa hin mirkaneeffanneef carraa filatamaa dha jedhan.

“Buufata leenjii qonnaan bultootaatti galchuun faayidaarra akka oolu ni godhama`` jedhaniiru.

Dayirektarri Eksiteenshinii biiroo qonnaa naannoo Hararii obbo Mulugeetaa Addunyaa akka jedhanitti, biqiltuun kun waqtii goginsaa dabalatee akka salphaatti biqiluun isaa uummataaf filannoo wabii nyaataa ni mirkaneessa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015