Fiigichi Irreechaa Guddichi Hora Finfinnee Fulbaana 11 Bara 2012 Magaalaa Finfinneetti Gaggeeffama

133

Finfinnee Fulbaana 7/2012 (TOI) - Fiigichi Irreechaa Guddichi Hora Finfinnee Fulbaana 11 bara 2012 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.  

Sagantaa fiigichaa kana Biiroon Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa dhaabbata DCT Intarteeymant waliin qindoominaan qopheessaniiru.

Fiigichi Irreechaa Guddichi kabaja ayyaana Irreechaa Hora Finfinnee Fulbaana 24 bara 2012 ayyaaneffatamu sababeeffachuun kan qophaa'e dha.

Fiigicha Irreechaa Guddicha kanarratti namoonni kumni 50 ol ta'an ni hirmaatu jedhame eegamaa jedhaniiru itti aanaan hogganaa biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiyaa obbo Admaasuu Waaqgaarii.

Obbo Admaasuu Waaqgaarii akka beeksisisanitti Tiishartiin fiigichaa sadarkaa federaalaa, naannoo fi guutuu Oromiyaatti raabsamuun gurguramaa jira.   

Gatiin Tiishartii tokkoo meedaaliyaa dabalatee Birrii 250 ta'uun ibsameera.

Bakkeewwan gurgurtaan Tiishartii, manneen hojii mootummaa federaalaa, naannoo fi jiraattonni magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootii argachuu ni dandeessu.

Godinaalee fi magaalonni kanneen biroo immoo Waajjiraalee Aadaa fi Tuuriizimii sadarkaa godinaa fi magaalota guutuu Oromiyaa irraa ni argama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015