Magaalaa Nagalleetti Daa’imman Maatiin Isaanii Harka Qalleeyyii Ta’aniif Deeggarsi Taasifame

112

Nagallee Fulbaana 07/2012 (TOI) – Waajjirri dhimma hojjetaa fi hawaasummaa magaalaa Nagallee daa’imman kuma 1 fi 500f meeshaalee barnootaa deeggarsaan kenne.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Taammiruu Taayyee akka jedhanitti, bara barnootaa kanatti manneen barnootaa magaalichatti argaman 8 keessatti barachuuf barattoonni idilee fi daa’imman haaraan kuma sadii fi 100galmaa’aniiru.

Daa’imman barumsa idilee barachuuf galmaa’an keessaa walakkaan isaanii maatiin

Hirmaannaa daa’immanii jajjabeessuuf dabtarri kuma 6 fi 400, Irsaasnii fi Iskiriibtoon kuma 2 kennaa taasifameera.

Waajjirichi baasii birrii kuma 112 taasisuudhaan meeshaa barumsaa bitee daa’imman kanneeniif kennaa taasisuusaa beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa godina Gujii obbo Nagaash Bulaalaa kennaa kana wayita taasisan akka dubbatanitti amma ammaatti magaalaa Nagalleetti barattoonni idilee fi haaraan kuma 12 galmaa’aniiru.

Manneen barumsaa magaalaa Nagalleetti argaman 10 keessatti barumsa bara haaraa jalqabsiisuuf qophiin xumuramuu eeraniiru.

Bara kana godina Gujiittis barattoota kuma 514 caalaniif barumsa idilee kennuuf qophiin xumuramuusaa dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015