Irreechi Jaalala, Araaraa Fi Tokkummaa dha – Obbo Admaasuu Daamxoo

128

Fulbaana 6/2012 /TOI/ - Irreechi jaalala, araaraa fi tokkummaadha jedhan hogganaan Biiroo Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Admaasuu Daamxoo.

Obbo Admaasuun Irreecha Birraa ilaalchisuun ergaa dabarsanii jiru.

Ergaa kanaanis Irreechi - Finna Waaqaa ta’uu ibsuun: guyyaa galataa, ardaa hamma biyyaa toltuu-hamtuu taateef itti galateeffatu dha jedhaniiru.

Akkasumas guyyaa jaalalaati, jaalala ofii hamma maati-waatii, guyyaa jaalala waliif waloo itti ibsatanidhas jedhaniiru.   

Kanaaf barana Irreecha Finfinnee dabalatee waan kanaan dura dhabne hunda deeffachuu dhaan, waldhageettii fi tokkummaa Oromummaatiin ni tarkaanfanna jedhaniiru.  

Barri 2012 Irreecha Finfinnee dabalatee bara waan dhabnee turre mara itti deebifannu ta’uus himaniiru.

Irreechi araara guyyaa rakkoof falaa, guyyaa mariif marabbaa, guyyaa mil’dhuu egaree akeeku, guyyaa nageenyaa fi dhiifamaati; Irreechi qoricha jibbaati, qulqullummaa keessaa fi alaati, Irreechi waliin jireenya, abdii, galata, jaalala, araaraa fi tokkummaadhas jedhaniiru.

Irreehi Birraa malkaa Harsadii fi Hora Finfinnee ga’ee jira kan jedhan obbo Admaasuun, Irreechi Finfinnee barana waggaa 150 booda kabajamus handhuurra (qabeenya) Oromooti, burqaan Finfinnee araddaan Warra Duulaa Irra’ee Cabaa Dhinsee, duudhaa ganamaa keenyatti nu deebises jechun himaniiru.

Ayyaanicha ilaalchisee bifa adda ta'een, mata duree "Irreechi nageenya tuuriizimiif" jedhuun Fuulbana 11 bara 2012 biyya maraa hirmaachise Fiigichi akka gaggeeffamuus dubbataniiru.

Kana malees maalummaa seenduubbee Irreechaa fi duudhaa sirna Gadaa, Hiikkoo tokkummaa, diinagdee hawaasummaaf qaburrattis barreeffamoonni qorannoo hayyoota Oromootiin kan dhiyaatu ta’uu ibsaniiru.

Akkasumas Koonsartiin muuziqaa fi aadaa Oromoos Finfinneetti ni gaggeeffama jechuniis himanii jiru.

Nageenyaaf hawaasni bal'aan, keessattuu Foolleen ayyaanicha miidhagsuu keessatti qophaa’ummaa isaanii ifatti ni agarsiisu.  

Miidhagnee eenyummaa yaa miidhagsinu, calaqqee sirna Gadaa caalaatti addunyaa yaa barsiisnun jechuun waamicha dhiyeessaniiru. Irreecha baranaarratti namoonni miiliyoona 10 ol ta'an ni hirmaatu jedhameeti eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015