Waltajjiin Manneen Murtii Oromiyaa Adaamaatti Banameera

111

Fulbaana 5/2012 -Waltajjiin marii karooraa Manneen Murtii Oromiyaa kan bara 2012 Adaamaatti gaggeeffamaa jira.
Waltajjicha haasaan kan banan prezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Dasaa Bulchaati.
Isaanis koroora bu’aa irratti xiyyeeffate kan bara 2011 hojiirra oolchuun jalqabame bara 2012 haala guutuu ta’een hojiirra oolchuun kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa bu’uurarraa fooyyessuuf ciminaan ni hojjetama  jedhaniiru.

Mana murtii waliigalaa irraa eegalee hanga manneen murtii aanaatti ganna darbe karoora ofii isaanii qopheeffachaa kan turan yoo ta’u, waltajjii guyyaa shaniif turu kana irratti mariin irratti gaggeeffamee ejjannoo wal fakkaataan ni qabatama, leenjiiwwan gama kanaan hubannoo hooggansaa cimsan ogeessota beekamoon ni kennama.

Waltajjicha irratti hoggansi manneen murtii naannichaa sadarkaa hunda irra jiru hirmaachaa jira jechuun BDhKMNO gabaaseera.

 .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015