Hojiilee Tola Ooltummaa hojjetamaniin rakkoon diinagdee fi hawaasummaa isaanii furamuufii fayyadamtoonni sagantichaa Godina Baa lee ibsan

708

Baale Fulbaana 5 /2012 (TOI) - Hojii kenna tajaajilaa ji’oottan dabran keessa hojjatameen rakkoon diinagdee fi hawaasummaa isaanii furamuufii  fayyadamtoonni sagantichaa aanota Godina Baalee tokko tokko himan.

Hojii namoomaa hojjachuun rakkoo namootaa furuun cinaatti gammachuu isaaniif kennuu namoonni Saganticharratti hirmaatan himanii jiran.

Hojii tola ooltummaa ji’oottan gannaa hojjatameen kanneen fayyadamoo ta’an keessaa jiraattuun aanaa Diinshoo aadde Ma’aazaa Masfin akka jedhanitti gumaacha tola ooltotaatiin daa’ima isaaniif dabtaraa fi qalama argachuun boqonnaa isaaniif kennuu dubbatu.

Dargaggoo aanaa Sawweenaa Hasan Muktaar gama isaatiin qarqaarsa qarshii kuma 75 dargaggoonni naannoo isaanii walitti qabuun motor saaykilii bitanifitti fayyadamee hojii daldalaa hojjachuun of jijjiiruuf kuttannoon hojjachaa jiraachuu dubbate.

Hirmaattuu sagantaa tola ooltummaa kan taate Ikraam Abdulqaadir gama isiitiin hojii tola ooltummaarratti bobba’uun namoota dadhaboo qarqaaruun cinaatti boqonnaa sammuu namaaf kenna jetti. Dargaggoonni yeroo isaanii iddoo hin taanetti dabarsan biraallee hojii milkaawaa akkanaa kanarratti akka hirmaatan waamicha dabarsiteetti.

Sagantaa tola ooltummaa kanarratti hirmaachuun qaamolee beekkamtii argatan keessaa tokko tokko yaada kennaniin tola ooluu fi toltaa hojjechuun qaamaa qalbii nama gammachiisuu bira dabree biyya jaalalaan tokkoomte uumuu keessatti qooda ol’aanaa waan qabuuf ummata keenna yeroo tokko tajaajillee kan dhaabnu osoo hin taane itti fufiinsaan tajaajiluudhaaf qophiidha jedhaniiru.

Hojii tola ooltummaa yeroo gannaa akka Godina Baaleetti geggefamaa ture irratti qaamolee hirmaachuun sochii gaarii galmeessisaniif badhaasaa fi beekkamtiin tibbana aanaa Sawweenaa  magaalaa Ardaa Galmaatti kennameefii jira.

Sirnicharratti I/G/Waajjira Dhimma Dubartii, Daa’immanii fi Dargaggoo Godinichaa Aaddee Fayyisee Alamuu akka jedhanitti, godinichatti hojii kenna tajaajila lammummaatiin sagantaalee hojii 9 fi gosoota hojii 46 geggeeffamaa turee jira.

Hojiilee hojjatamaa turan keessaa qulqullina naannoo,dhaabbii biqiltuu, arjooma dhiigaa,mana namoota dadhaboo mana ijaaruu,daa’imman deeggaruu, barnoota dabalataa keessatti argamu.

Hojii kenna tajaajila lammummaa kanarrattis dargaggoonni godinichaa kuma 250,350 ol ta’an hirmaachisuun baasii mootummaa birrii Mil.16.8 tti tilmaamamu hanbisuun kan danda’ame akka ta’us himaniiru.

Hojii hojjatamaa tureen aanota godinichaa gara garaa keessatti Namoonni kuma dhibba 9 ol ta’an irraa fayyadamoo ta’uus himan.

I/A Bulchaa Godinichaa Obbo Didhaa Guddataa gama isaaniitiin dargaggootaa fi ummanni godinichaa hojii kenna tajaajila lammummaatiin duudhaa ganamaa Oromummaa qabatamaan raawwachuun beekumsa,dandeettii fi hubannoo gahaa akka horatan gochuun dhaloota haaraaf fakkeenya ta’uudhaan dargaggoonni hojiilee ummata fayyadan hojjechuun jaalala lammii fi biyyaa akka horatan taasisuu keessatti qooda ol’aanaa taphachaa turaniiru jedhan.

Hojiin kenna tajaajila lammummaa kun aadaa wal gargaarsaa ummanni Oromoo durumaan qabu waan ta’eef si’a tokko jalqabee kan dhaabbatu osoo hin taane yeroo itti aanuttis cimee itti fufuu akka qabus obboo Didhaan dhaamaniiru.

Sagantaa kanarrattis ijoollee maatiin isaanii harka qalleeyyii ta’aniif dabtaraa fi qalamni kan kenname yoo ta’u, qaamolee kenna tajaajila lammummaa irratti hirmaataniif badhaasa waancaa fi ,beekkamtiin waraqaa ragaa kennameefii jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015