Prezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ergaa Baga Geessanii Bara Haaraa Dabarsan Guutummaasaa Akka Armaan Gadiitti Dhiheessineerra - ENA Afaan Oromoo
Prezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ergaa Baga Geessanii Bara Haaraa Dabarsan Guutummaasaa Akka Armaan Gadiitti Dhiheessineerra

Prezidaantiin Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Ergaa Baga Geessanii Bara Haaraa Dabarsan Guutummaasaa Akka Armaan Gadiitti Dhiheessineerra
Qaammee 6/2011 -Seenaa kaleessaa yaadachaa, Muuxannoo hardhaa qabannee Qajeeltoo duudhaa Oromummaa ganamaatiin Boru Ijaarra!!
Barri 2012 Bara Xumura jalqabbii Qananii fi Badhaadhina Sabaati!!!
Barri 2012 Bara Fayyadamummaa Ummata keenyaa sadarkaa Ol’aanatti itti mirkaneessinuudha!!
Ummanni Oromoo Waqtiin gannaa roobaa fi dukkanaa xumuramee yoo Fuula Birraatti bahuuf jedhu Waaqa dukkana dabarsee fuula ifaa garsiiseef galata galcha, Toltuu hoojjatamtee dabarteef ulfina kenna, hanqina guuttachuuf fuula dura xiiqeeffata, xiiqiin keenya Bara 2012 Xiiqii fayyadamummaa ummataati,Xiiqii waan jalqaban xumuruuti, giddu galeessummaan keenya ammo faayiddaa fi fedhii ummata keenyaati.
Ummataaf Hoojjannee ummataaf yaa jiraannu, Haqa isaa deebifnee Ummata haqaan yaa tajaajilluu sababiin isaa “ Bakka Raadni hin jirretti okolee miidhaksuun haajaa nama hin baastu”akkuma jedhamu bakka ummanni hin jirretti waa’ee biyyaa kaasuun hiika hin qabaatu.
Biyya jechuun gaaraa fi raasaa babbareedaa osoo hin taane, Ummata bal’aa jechuu waan ta’eef bara haaraatti miira ummatummaa gonfannee quuqqama sabaan sabaaf yaa jiraannuu.
Barri haaraan bara tokkummaa keenya akka sibiilaa cimeen jireenya ummata keenyaa jijjiiruuf bara halkaniif guyyaa itti dafqinee dafqaa fi haqa sabaa itti dhugioomsinu yaa nuuf tahu .
Barri 2012 Bara Sabboonummaa fi Tokkummaan Sabaa leellisee Biyya itti Utubnuudha!
Imalli kaleessaa Kaleessa Eenyummaa fi tokkummaa keenya Abdii injifannoo harraa qofaa mitii nu warra hortee ilmaan seenaa, seenaa dabalu akka taanu nu dandeessisa.cimsinee akkuma injifanne, har’as seenaa hojjechuu ni dandeenya!
Maddi injifannoo keenyaa tokkummaa keenya yoo jennu, Jaarraa 16ffaa keessa Oromoon Booranaa fi Bareentuu, kan Maccaa fi Tuulamaa, kan laga gamaa fi gamanaa walitti qabamee, seera tumatee, imala wayita eegale sana eebbisee, eebbifamee waan calqabeef ni milkaa’e. Karaatti gufuun hin rukunne. Hamtuu fi maltuun hin dhaabne.
Irreechi Waggaa 150 booda deebi’e cimina tokkummaa Oromoo gaafasii sanii waliin gadaan deebi’uu nuu mirkaneessa, Lafti abbaa qabdi, haqni dhugaa qabdi, Gadaan saba qabdi tokkummaan ammo dhaloota hardhaa qabdi.
Oromummaan waliin mariin,waldhaggeeffachuu fi wal hubachuun deemame galma gootoonni kaleessa qabsaawaafi turan kan dhugoomseedha.
Amma ifaa dukkanaan duubaa arguuf xurree isii banannee jirra, “Qeerreensa eegee hin qaban qaban gad hin lakkisan” akkuma jedhamu goonfoon hardha nu harka galte itti yoo hoojjanne carraa seenaa dhalee dhalootaa itti jijjiirruudha. Kanaaf qabsoon amma nu eeggatu kan kanaan duraa caalaa tooftaa addaa fi hoggansa bilchina qabu kan gaafatu ta’uu isaa hubannee, waadaa ummata biyya keenyaatiif galle milkeessuu fi imala jijjiiramaa eegalle falaasama ida’amuutiin milkiin itti fufsiisuu qabna.
Barri 2012 Bara Sabboonummaa fi duudhaa Oromummaa ganamaa Dhaloota itti dhaalchifnuudha!!
Akka aadaa Oromootti Kennata nyaachuun salphachuu dha!
Oromoon Aadaa fi duudhaa isaaf jecha, Falaasama jireenyaa isaaf jecha Qora qalbiin miidhamee, Qa’ee isaatti waaruu hanqatee waan mirga isaaf dubbateef qofa waaroo salphinaa uffatee biyya abbaasaarraahillee baqatee akka callee cittee barootaaf faffaca’e.
Bakka hardhaa geenye kan geenye waan Oromummaa qajeeltoo qabsoo, ajjeesuu manna yaadaan falmanii moohachuu falaasama morkii, arihuu manna waamanii firaaf alagaa hammachuu gadaarraa waan baranneefi.
Seenaa kaleessaa akka daawwitiitti ittiin of ilaalaa wanni hardha leellifannuuf qabsoo Oromootu qabsoo hangafni akkamiin akka dubbii ilaalee itti deemu tooftaa moohichaa waan qabanneefi.
Duudhaa Oromummaa Qajeeltoo jiruu fi jireenyaa, si’eessituu hojii keenya guyya guyyaa godhanne imaanaa wareegamtootaa kabajne jachuudha, Oromummaa dhaloota dhaalchife jechuudha kanaaf hojii hoojjennu hundumaa keessatti duudhaa Oromummaa qajeeltoo yaa taasifannu, Bara 2012tti maal hoojjannee caalaa Duudhaa Oromummaa ganamaa hammam itti fayyadamne, bu’aa maal buufneen dubbii madaalaa yaa deemnu.
Barri 2012 Bara Nageenyaa fi ol’aantummaan seeraa mirkanaawee Oromoo fi Oromummaan Nageenya tahuu itti mirkaneessinuudha!!!
Oromiyaan lafa aadaa fi hoodaati yoo jennu Nageenyi utubaa sirna gadaa keessaa isa ijoodha, Nageenya ofii, ollaa, firaa, biyyaa, eeguun Nageenya Namaa sa’aaf hawwuun eebba Oromummaati kana booda Oromiyaa keessa nageenya gufachiisanii miti yaalanii jiraachuunuu hin danda’amu, toltu wal gorfanna dabdu wal adabanna.
Nageenya keenya nageenya ummataa gochuu, caasaa nageenyaa cimsuu fi ol’aantummaa seeraa kabajuun ga’ee qaama hundaati taha.
Sirni Gadaa keenya cancala hammattummaa heddumminaati!
Sirni gadaa jaalala nu barsiise.Yoo Oromummaan waliin jireenya jannu kan jechaa odoo hin ta’in Guddifachaan amballee aantee dhiigaaf lafee godhachuu,hammachiisaa fi moggaasaan firoomfachuun, ilma barcumaa fi ilma Mixiitiin waan ofii qaban qooddatannii fayyadamuu fi mirga guutuu Oromummaan qabu gonfachiisuun ofiifuu of dubbata. Kun ammo harrallee aadaa keenya itti boonnuu fi bagaan Oromoo ta’e kan nu jachisiisuudha.
Waqtii amma keessa jirru kanattis duudhaaleen gaggaariin bu’aa sirna Gadaa Oromoo ta’an, saboota, sab-lammootaa fi ummattoota biyya keenyaa waliin wal taanee duratti imaluufis ta’ee waliin hojjennee biyya duroomte uumuuf humna guddaa ta’anii kan nu tajaajiluu danda’anii dha.
Duudhaaleen hammattummaa fi waliin jireenya heddumminaa sirni Gadaa keenya nu dhaalchise, har’a addunyaan ammayyoome sirna demokraasii jedhee kan waamuuf kanaaf waan taheef falaasama ida’amuutiion wal hammannee baraa fi laga ceena, badhaadhina aanteeffannee utubanna.
Barri 2012 Bara Hiyyummaan irratee Diinagdeen Oromiyaa itti guddatuudha.
Ummanni Keenya seenaa dhufaa dabra keessatti qabsoon fayyadamummaa diinagdee gaggeesse bara baraan kan yaadatamuudha, Gama tokkoon walqixxummaa fi haqaan fayyadamuu dhabuun gama biraatiin ammo qabeenya uumaa fi uumamaa isaa diinagdetti naa hin jijjiiramneen komii hawaasni keenya kaasaa tureedha.
Siyaasni kophaa isaatti qoonqoo hin tahu amma qabeenya diinagdetti jijjiiree jireenya hawaasa keenyaa bu’uurarraa yeroon itti jijjiiruu qabnu amma .
Halkanii guyyaa hoojjechuu, qabeenya hoogganuu Madda galii ballifachuu fi galii sirnaan walitti qabuu, Hiyyummaa keessaa bahanii badhaadhinatti bahuuf diinagdee hoogganuu, carraawwan diinagdee hundatti fayyadamuun dhimmi yeroo mirteessaa kanatti nu barbaachisuudha.
Qonna ammayyeessuun bonaa ganna hoomishuun hoomishtummaa guddisuu, diinagdetti seentoo dabaluun industirii baballisuu, Hojimaata invastimantii sirrate hojitti jijjiiruuun Oromiyaa giddu gala industirii fi invastimantii gochuun hojii bara 2012tti xumura argachuu qabuudha.
Maallaqa hoogganuun gabaa keessa galchuu waan hunda caalaa gurmaawanii qabeenya ofiirraa fayyadamaa Daldala ammayyaa keessa galuu,haxxummaa fi hanna maddaa gogsuun dhaammannoo bara haaraa tahuu qabdi.
Qa’een abbaa qabdi, Gaaffiin deebii qabdi, Barri 2012 Bara gaaffiiwwan bu’uuraa Ummata Oromoo itti deebi’aniidha.
Imalli irra jirru gama tokkoon karaa ijaarameen socho’uudhaan humna ga’aa horataa deemuu kan gaafatu yammuu ta’u, gama biraatiin ammoo qaamni hundinuu ergama fudhate amantaa guutuudhaan ba’achuu fi kaayyoo waliiniif abboomamuu kan barbaaduu dha.
Nu warra waan hin xumurre hin jalqabneedha, Injifannoon wareegamaa haqa seeraa fi seenaatiifiis ni hoojjeta, injifannoon arganne dacha gochuuf bara 2012tti gaaffiiwwan bu’uuraa ummanni Oromoo qabuu fi deebii kennuufii eegalle xumurree bakkaa fi abbaan geenya, kanaafiis dhimmoota bu’uuraa faayidaa ummata keenyaa mirkaneessanirratti walii gallee hojjechuun baay’ee barbaachisaa fi murteessaa dha. Oromummaan walii galan alaa galuu nu barsiise waan ta’eef.
Bara 2012tti dhaloota aadaa fi duudhaa isaa beekee, baree barsiisuufi dhaloota qaamaa fi sammuun cimee fayyaan isaa eeggame ijaaruuf hoojjenna.
Barnoonni si’eessituu imala keenyaafi furtuu rakkoo keenyaa akkanumaas daawwitii addunyaa ittiin ilaallee qaroominaan dhaloota itti ijaarruudha.
Naannoo Oromiyaa keessatti lammiin carraa barnootaa akka argatu gochuu qofa osoo hin ta’un eenyummaa isaa beekee kan biraa akka barsiifatu gochuuf,addunyaa wajji qaroomee qaroomina haaraa keessatti dhaloota dammaqaa fi dorgomaa ta’e horachuuf misoomni barnootaa akka lafa qabatu fi hojiin barnootaa hojii dhaloota boruu ijaaruu akka tahu hoojjannee hoogganna.
Fayyaan hawaasa qaamaa qalbiin dammaqaa fi dorgomaa tahe uumuuf tajaajila fayyaa qulqulleessinee, lafarratti madaalla, jireenyaa fi fayyooma naannoon madaalla.
Bara 2012tti Milkiin heegaree dhalootaa Qooda Tajaajila Lammummaatiin dhugooma.
Dhaloonni hardhaa dhaloota carroomaadha sababiin isaa biifleen gootoota keenyaa imala nu tolcha, Obsi lammii keenyaa galma barbaannu biraan nu gaha, Duudhaan aadaa keenyaa mariin marama karaa akka gabaabsinu nu gargaara.
Qaama nuuf madaa’ee dhiige, qaama nuuf jadhee qa’ee abaabilee fi akaakileerraa godaane, saba nuuf jadhee salpahtee jibbame hiyyummaa irra tursuun carrooma keenya dunkasuudha.
Har’as yoo ta’e Oromiyaa hawwinuu fi badhaatuu arguudhaaf barbaadnu uumuun karaa wal qixxaataa fi mijaawaa qofaan milkaa’uu hin danda’u.
Kallattii addunyaa hundatti galaan tolaan argamu hin jiraatu. Milkaa’inni qabsoo Yaada jijjiiramaa burqisiisuu, waan yaadan qooda lammummaa ittiin bahachuu , mari’achuu fi mariisisuudhaan yaad-rimee waliinii qopheessuu fi tarsiimoo raawwii ta’ee akka tajaajilu gochuu gaafata.
Gama biraatiin, dandeettii, gahumsa, humna ijaarame, yeroo fi qabeenya qabnu jijjiirama jireenya lammiitiif oolchuu nu gaafata.
Kanaaf Guutuu Oromiyaatti Duudhaa Oromummaa ganamaa qajeeltoo taasifannee, halkanii guyyaa hoojjechuun, waa hundaan dorgomaa ta’uuf Oromiyaa Qulqullumaa fi tumsaan bara itti jaarree dhaloota seenaa odeessu otoo hin taane dhaloota seenaa hoojjetu tahuu keenya bara itti milkeessinuudha.
Barri Haaraan 2012 Bara Finxaleessummaa fi Yaanni kosiin itti qulqullaawee miira haaraa fi ni dandeenyaatiin heegaree itti mill’annuudha.
Ummanni Oromoos tahe Sabaa fi sablammoonni biyya keenyaa Duudhaa jaajalaa, wajji jireenyaa, nageenyaa fi tan baddeef dhiifamaan waliin cehuuti qabu.
Yeroo ammaa garuu yaanni tortoraa fi boodatti hafaan Finxaleessummaa gochaaniis mullatu sabaa fi saba, amantaa fi amantaa walitti buusuuf yoo wixxirfatan mullata.
Baattuun yaada kanaa ilaalcha dulloomaa baraa wajjiin hin deemne kan kootu caalaa ,yaada koosii kabaja namummaarraa fagaateen ifa Ummataa dunkassuuf warraaqu, Abadan garuu hin milkaawan!.
Barri haaraan bara ummattoonni biyya keenyaa tokkummaa isaanii itti cimsatanii kosii, tokkummaa fi wal qixxummaa faaltu firraa qulqulleessuun miira abdiifii biyya keenya misoomsuu fi guddisuu ni dandeenyaatiin simannu nuuf taha.
Dhumarrattis, Barri 2012 Bara Badhaadhinaa, Tokkummaan sabboonummaa Oromoo cimee itti leellisu, Bara hiyyummatti qaanoofun otoo hin tahin bara dafqa keenyaan hoojjannee hiyyummaa itti qaaneessinee dhaloota qananii horannu nuuf yaa tahu.
Barri dhufu bara jaarraa tokkummaa cimaa miidhagni garaagartummaa keessatti gabbate, dhugaa fi haqni kan itti injifatee fi ummanni birmadummaa guutuudhaan hojjetee qooda fudhannaa fi fayyadamummaa isaa itti mirkaneeffate akka nuuf ta’un hawwa!
Oromiyaa ni ijaarra, Biyya ni utubna, Gaanfa Afrikaa ni boqochiifna!
Horaa Bulaa Deebanaa ,Gadaan quufaa gabbina!!!
Obbo Shimallis Abdiisaa I/A/P/Mootummaa Naannoo Oromiyaa
Qaammee 06 Bara 2011
Finfinnee
Madda-BDhKMNO