Warqiin Lukkuun Liqimfame Argame

272

Qaammee 06/2011(TOI)-  Gabaan Ayyaana bara haaraa baranaa taatee adda kan itti raawwatame ta'uu bultii kana gabaafamaa turuunsaa ni yaadatama.

Kunis dhimmi lukkuu gabaa Bulchiinsa magaalaa Walisoo keessatti Gutichaa gurrarraa tumachuun buqifatee liqimse ilaalchisee tajaajilli oduu Itiyoophiyaa kaleessa gabaase isa tokkodha.

Akkuma jedhame lukkichi amaluma isaan waa tutumachuu kan jaalatuudha jedhan namoonni lukkicha argan. "Harka bare dooluutti soso'a" akkuma jedhamu Aadde Haacaaltuun faayaa gurraa Warqii yeroo gaa'ela ishee bitameef hidhatee lukkuuwwan biraa gabaa Ayyaanaaf gurgurachuu dhufte tumachuun irraa baafate.

Booda gutichaashee hindaaqicha asumatti qaladheen keessaa fudhadhaan yaada aadde Haacaaltuuti. Akkamitti ta'aan immoo abbaa qabeenyaa lukkichaa Obbo Dannaqaa Shallamaa ture.

Kanaan boodas gatii bittaarrattis walmormuun poolisii magaalichaa biratti qarshii 150'n waliigaluun Aadde Haacaaltuu Badiruu lukkicha warqii liqimse wajjin gara aanaa Gooroo ganda Danbii Koonnootti of eeggannoon Zanbiila keessatti eegaa fudhadhee galee jetti yaada addatti OBN'f kenniteen.

Sanaan booda hoo? Ajaa'iba lukkichi akkuma mana qaqqabeenis ijoollee koottis tumachuu eegalee jennaanan abbaa warraa koo waamee lukkicha akka qalu itti himee qaluudhaan garraacha isaa keessaa Warqii koo fudhadhee, hindaaqicha moo nyaachuudhaan aarii koo itti bahee jetti Haacaaltuun.

Warqichi bakka gurratti seenuun kan jallatte yoo ta'u haalluun isaas kan duraanii irraa gurraacha'eeraas jetti. Gurraacha'uu ni dhiqsiifataa baguma warqichi argamee hin jettaniiniiree akka koo nu jettetti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015