Magaalaa Naqamteetti Gatiin Oomishaalee Daran Dabaleera

118

Naqamtee Qaammee 6/2011 (TOI) - Magaalaa Naqamteetti jala bultii bara haaraatti gatiin oomishaalee qoonnaa fi Shaqattootaa baay’ee akka dabale shamattoonni tokko tokko ibsan.

Waajjirri daldalaa fi misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee gamasaatiin daballii gatii to’achuuf yaalii gochaa akka jiru ibseera.

Yeroo ammaa kanaa gatiin oomishaalee qoonnaa kanneen akka qullubbii, foonii fi Xaafii akka dabale shamattoonni yaadasaanii TOIf kennan himaniiru.  

Kanneen keessaa jiraatun magaalaa Naqamtee adde Mccee Amanuu akka jedhanitti oomishaalee qoonnaa kanneen akka qullubbii, foonii fi Xaafii akka dabale himaniiru.  

Qullubbiin adiin kiiloon tokko birrii 180 ture birrii 250, qullubbiin diimaan birrii 10 ture birrii 35tti gurguramaa akka jiru dubbataniiru.

Uffatni daa'imaniis gaatiin isaa daran dabalee jira jedhaniiru.     

Adde Gaadisee Alamu gamasaaniitiin baatii lama dura miidhaan dheedhiin kuntaalli tokko birrii 10 ol dabaluu isaa dubbataniiru.   

Jala bultii bara haaraatti gatiin oomishaalee qoonnaa fi Shaqaxootaa baay’ee dabluu isaan rakachaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. 

Obbo Taarraqanyi Olaanaa gamaa isaaniitiin loon qalmaaf oolaan kana duraa irraa gatiin isaanii hedduu dabaluu isaaniis himaniiru.

Kun immoo mana nyaataa isaanii irratti dhiibbaa akka ummes dubbataniiru.  

Waajjira misooma gabaa bulchiinsa magaalaa Naqamteetti to’atuun hojii daldalaa adde Maadahaanit Shibbiruu akka jedhanitti oomishaaleen naannoo sanatti hin oomishamne gaatiin isaanii hedduu dabalee jira jedhaniiru.

Kara waldaalee hojii gamtaa shamattootaa sukkaarra, Daakuu, Zayitii fi meeshaalee kanneen biroo  fichisiisuun gatii madaalawaan jiraattotaaf akka qoodan taasifamuu isaas hubachiisaniiru.   

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015