Tiraamp Gorsaa Nageenya Biyyaalessaa Aangoorraa Gaggeessan

60

Qaammee 6/2011(TOI) – Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp nageenya biyyaalessaa irratti gorsaa isaanii kan ta’an Joon Booltan aangoorraa kaasuusaanii beeksisan.

Pirezidaanti Tiraamp akka jedhanitti Joon Booltan waliin dhimmoonni irratti walii hin galle akka jiran eeraniiru.

Torbee dhufu gorsaa nageenya biyyaalessaa haaraa akka muudan dubbataniiru.

Booltan gamasaaniitiin aangoo gadi lakkisuuf gaaffii dhiheessuusaanii fi Tiraamp “Boru dubbanna” akka ittiin jedhan ibsaniiru.

Qormaataalee imaammata dhimma alaa Afgaanistaanii fi Iraan ilaalchisee pirezidaant Tiraamp waliin akka walii hin galle eeraniiru.

Joon Booltan ALA Ebla 2018 irraa kaasee tajaajilaa kan turan yoo ta’u, Miikel Filaayin fi Echi ari Maakmaastarnitti aanuun gorsaa Tiraamp nama sadaffaa turan.

Joon Booltan wal ga’iiwwan hin barbaachifne Waayit Haawus keessatti adeemsifaman irratti hirmaachuu dhiisuu irraa kaasee dhimmoota nageenyaa Tiraamp dursa kennaniif cinaatti dhiisuudhaan hojmaata mataasaanii hordofaa akka turan aanga’oota Ameerikaa eeruudhaan ‘BBC’n gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015