Gabaan Ayyaanaa Magaalaa Fichee Fi Naannawasheetti Tasgabbaa’aa Ta’uun Ibsame

123

Fichee Qaammee 5/2011 (TOI) – Bara haaraa kanatti magaalaa Fichee fi naannawasheetti gatiin gabaa ayyaanaa tasgabbaa’aa yoo ta’u, oomishaalee industirii muraasarratti irratti daballiin amma tokko taasifamuusaa shamattoonnii fi daldaltoonni ibsan.

Tasgabbii gabaatiif  sababa kan ta’e to’annoo fi hordoffii qaamoleen mootummaa taasisan ta’uu shamattoonni ibsaniiru.

Daldalaa loonii kan ta’an obbo Amaaree Shaashoo magaalaa Fichee fi naannawasheetti gatiin sangaa kan duriirra akka hin daballe himanii, sangaan gabbate amma birrii kuma 25, jiddugaleessi birrii kuma 20 amma kuma 15, sangaan xiqqaan birrii kuma 10 fi 500n gurguramaa akka jiru dubbataniiru.

Gatiin kun ayyaana Faasikaa fi Id-al faxiir baatii 6 dura ture waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu daballiin kana jedhamu akka hin jirredha jedhaniiru.

Magaalaa Fichee ganda 04 kan jiraatan adde Masarat Hordofaa akka jedhanitti lukkuun xiqqaan birrii 100, jiddu galeessi birrii 180 amma 200, lukkuun guddaan amma birrii 300tti, hanqaaquun tokko birrii 4tti gurguramaa jira jedhaniiru.

Sababasaa yoo hin beekneyyuu, gatiin lukkuu daballii kana jedhamu akka hin argisiifne himaniiru.

Ayyaanota darban waliin walbiratti yoo ilaalamu gatiin Hoolaa fi Re’ees daballii guddaa akka hin agarsiifne adde Fayyituu Abdiisaa dubbataniiru.

Itti gaafatamtuun Yuuniyeenii hojii gamtaa magaalaa Fichee adde Xajjituu Waasee akka ibsanitti dhadhaan  kiiloo tokko biirrii 220 amma 250tti gurguramaa jira.

Gatii midhaanii ilaalchisee Xaafiin kuntaalli tokko birrii kuma 1 fi 700 amma kuma 2 fi 800titi gurguramaa akka jiru daldalaa midhaanii kan ta’an obbo Assaggid Baasaazzin ibsaniiru.

Magaalaa Ficheetti qullubbiin diimaan birrii 24, qullubbiin adiin birrii 55, Qaaraan birrii 22, mimmixni birrii 120, Gijimbilli biirrii 100, Kororimaan birrii 200 kiiloodhaan gurguramaa akka jiran adde Sinidduu Zawudee himaniiru.

To’annaan daballii seeraan alaa qaamoleen mootummaa taasisan bittaa fi gurgurtaan madaalawaan akka jiraatu gumaacha taasisuusaa adde Sinidduun dabalanii himaniiru.

Daldaltootaa fi shamattooa naannawa kanaarraa hubachuun akka danda’ametti loonii fi bu’aalee loonii akkasumas midhaan nyaataarratti daballiin gatii guddaan kan hin mul’anne yuuniyeenoonnii fi waldaaleen hojii gamtaa  oomisha ga’aa waan dhiheessaniifi jedhaniiru.

Gabaan ayyaanaa kun tasgabbaa’aa ta’uusaa kan ibsan daldaltoonnii fi shamattoonni, haata’u malee oomishaalee industirii kan ta’an mokorooniin kiiloo tokko birrii 25 irraa birrii 30, Ruuziin birrii 24 irraa birrii 30, Paasaan birrii 34 irraa birri 40 galeera.

Kanneen akka Zayitii, Sukkaarrii fi daakuun furnoo akkaataa gatii mootummaan karaa shamattootaa fi yuuniyeenotaa baaseen gurguramaa akka jiran beeksisaniiru.

Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira daldalaa fi misooma gabaa obbo Adaanee Rattaa ayyaanni bara haaraa tasgabbaa’ee akka darbu waajjirrisaanii sababa tokko malee gatiin akka hin daballe to’achaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015