Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Miseensota Isaaf Beekkamtii Kenne

129

Qaammee 5/2011 - Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa miseensota isaa bara hojii 2011tti kutaalee fi ramaddii hojii isaanii keessatti hojii galateeffachiisu hojjataniif beekamtii kenne.

Dabalataanis kanneen ga'umsa isaaniin jijjiirama barbaadamu galmeessaniif guddina gulantaas kenneera.

waggaa dheeraa tajaajiluun sooramaaf kan ga'anis, kabajaan gaggeesseera.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa humna qilleensaa Bishooftuu kaka'umsa isaaniin dhukkubsattoota onneetii deeggarsa birrii mindaa isaaniirraa walitti qaban gumaachaniiru.

Gabaasni kan OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015