Tajaajilli Lammummaa Har’a Manneen Barnooaa Oromiyaa Keessatti Ni Kennama

147

Qaammee 05/2011(TOI) - Kenni tajaajila lammummaa mata duree “Daa’imman keenya tajaajila lammummaa keessatti hirmaachisuun egeree biyyaatiif” jedhuun manneen barnootaa Oromiyaa keessatti argaman keessatti har’a ni kabajama.

Sagantaa kana keessatti daa’imman mooraa mana barumsaa itti baratan ni qulqulleessu, biqiltuu mana barumsaa keessa dhaabbate ni kunuunsu, meeshaalee barnootaa kanneen harka qlleeyyii ta’aniif ni arjoomu, daa’imman qarqara karaa jiraatan nyaata nyaachisuun kan gaggeeffamu ta’a.

Sagantaan kun akka Oromiyaatti Magaalaa Adaamaa fi Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Iluu magaalaa Tajiitti kan gaggeeffamu ta’a.

Madda- BDhKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015