"Duudhaa Keenya Ganamaatiin Dabaalamnee Dhaloota Misoomaaf Onnate Ijaaruun Hiyyummaa Seenaa Haa Goonu" --- Obbo Numeerii Shamsuu

75

Qaamme 4/2011()TOI)  – Duudhaa keenya ganamaatiin dabaalamnee dhaloota misoomaaf  onnate iIjaaruun hiyyummaa seenaa haa goonu jedhan  Waajjira ODP Godina Jimmaatti itti gaafatamaan  Ijaarsaa fi Siyaasa magaalaa obbo Numeerii Shamsuu.

Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti sagantaan tajaajila lammummaa gannaa haala ho'aan gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kanaan namoota harka qalleeyyii mana haaraa ijaaraaruun, meeshaa mana keessatti itti tajaajilaman kennuu, deeggarsa meeshaalee qonnaa, uffaannaa fi meeshaalee barnootaa dabalatee kennaawwan jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti gumaacha qaban garaa garaa raawwatamaniiru.

Kanuma ilalchisuun Waajjira ODP Godina Jimmaatti itti gaafatamaan Ijaarsaa fi Siyaasa Magaalaa Obbo Numeerii Shamsuu sirna kana irratti argamuun dhaamsa dabarsaniin akkaatuma duudhaa keenyaatiin wal cinaa dhaabbannee hiyyummaa waliin injifachuuf haa hojjannu jedhaniiru.

Aanichatti walii galaan hojii tajaajila lammummaa gannaatiin deeggarsi garaa garaa birrii Miliyoona 7.9 ta'u taasifameera.

Madda- BDhKMNO

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015