“Sudaan Galmee Shororkeessitootaa Keessaa Baasuun Hojii Koo Isa Jalqabaati” --- Asmaa Abdallaa

116

Qaammee 4/2011(TOI) - Dubartiin Jalqabaaf ministira dhimma alaa Sudaan ta’an Asmaa Abdallaa erga gara aangootti dhufanii sa’aatii 24 qofa ta’us hojii isaanii itti aanuun biyya isaanii galmee Ameerikaan shororkeessitoota deeggaran jettee qabatte keessaa haqsiisuun hojii jalqabaa akka ta’e dubbata.

Ministirri dhimma alaa kun gaaffii fi deebii Aljaziiraa waliin taasisaniin akka jedhanitti, rakkoowwan hedduun jiraatanis Sudaan galmee shororkeessitootaa keessaa haqsiisuudhaan dinagdeeshee kakaasuuf karoorsaniiru.

Dhimmichi ajandaalee ministira muummee Abdallaa Hamamdookiin qabaman keessaa tokko ta’uu ministirittiin eeranii, mootummaa Ameerikaa waliin kallattiin mari’achuun furmaata akka argatu abdii qaban ibsaniiru.

Ameerikaan Sudaaniin A.L.Ati bara 1993 Sudaaniin galmee biyyoota shororkeessummaa deeggaran keessa galchuunshee ni yaadatama.

Ergasii kaasee Sudaan kufaatii dinagdee hammaataa keessa yemmuu jiraattu, Invastimantiin biyya alaas jalaa hir’ateera.

Aanga’aan olaanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa baatii darbe akka jedhanitti Biyyisaanii Sudaaniin galmee shororkeessaa keessaa haquuf hojii baay’eetu hafa jedhaniiru.

Da’eetaan ministiraa dhimmoota siyaasaa ministeera dhimma alaa Ameerikaa Deeviid Halle akka jedhanitti, Sudaan kabajama mirga namoomaa, bilisummaa amantaa, shororkeessummaa ittisuu fi nageenya keessaa mirkaneessuurratti xiyyeeffattee hojjechuu qabdi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015