Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa Torbee Araaraa Labse - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa Torbee Araaraa Labse
108
Qaamee 4/2011 ()TOI) - Gamtaan Abbootii Gadaa Oromiyaa jalabultii kabaja ayyaana Irreechaa malkaa bara 2012 sababeeffachuun torbee araaraa labse.
Torbeen araaraa Fulbaana 9 hanga 22/ 2012 ta'uutu ibsame.
Torban araaraa kun kan labsameef jala bultii ayyaana irreecha Finfinnee fi Arsadee wal duraa duubaan Fulbaana 24 fi 25 2012 kabajamuuf waaqaa fi lafa walitti araarsuuf nagaa fi jaalalaan hora (malkaa) bu'uuf jedhan Abbaan Gadaa Goobanaa Holaa.
Ayyaanni bara haraas kan nagaa fi gammachuu akka ta'uuf hawwii qaban ibsan Abbootiin Gadaa. BDhKMNOtu gabaase.