Lammiileen Biyyattii Godinaalee 38 Fi Aanaalee 42 Irraa Buqqa'a Qe'eesaaniitti Deebi'an

58

Qaammee 3/2011(TOI) - Lammiilee buqqa'aniif deeggarsa namoomaa gochuun cinaatti qorannoo taasisuudhaan godinaalee 38 fi aanaalee 42 keessatti deebisanii dhaabuun akka danda'ame ibsame.

Daarektariin quunnamtii ummataa ministeera nageenyaa Hermeellaa Salamoon akka jedhanitti ministeerri nageenyaa Itiyoophiyaa nageenya, walii yaaduu fi jaalalaan guutamte ijaaruuf dameelee nageenyaa fi walii galtee biyyaalessaa, seera kabachiisuutiin, federaalizimii, misooma wal gitaa fi gabbisa dandeettii ammayyeessuutiin hojjeteera.

Nageenyi mari'achuurraa madda kan jedhan daarektarri kun kana milkeessuuf mariiwwan dubartootaa, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa, miidiyaa fi ogeeyyota aartii adeemsifamuusaa hubachiisaniiru.

Dhimmoota biyyaarratti walii galtee waliinii fi walitti bu'iinsa hiikuudhaan waltajjiiwwan ummataa nageenya waaraa buusuurratti xiyyeeffatan Somaalee fi Oromiyaa, affaarii fi Somaalee, Naannoo Kibbaa fi Oromiyaa jidduutti adeemsifamuu dubbataniiru.

Lammiilee buqqa'aniif deeggarsa namoomaa gochuu cinaatti qorannoo taasisuudhaan godinaalee 38 fi aanaalee 42 keessatti godinaalee beeniishaangul gumuz, Oromiyaa, Amaaraa, Somaalee Tigraayii fi bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiin deebisanii dhaabuu hojjetameera.

Walitti bu'iinsa uumuudhaan kan shakkaman seeratti dhiheessuudhaan, nageenya waaraa fiduuf mariiwwan naannoleen itti hirmaatan gaggeessuunis jalqabbii gaaii akka ta'es dubbataniiru.

"Ilaalchi ani yoon nagaa ta'en kanneen biroo nagaa gochuu danda'a" waan hin gabbanneef“ gaaffii olaantummaa seeraa ummanni gaafatu guutuun akka hin danda'amne daarektarittiin dubbatteetti.

Bara bajataa kanattis nageenya waaraa mirkaneessuuf marii fi quunnamtii ummattootaa cimsuudhaan kabajamuu olaantummaa seeraa cimsee akka hojjetu eeraniiru.

Abbootiin amantaa, hoggantoonni siyaasaa yemmuu dogoggoran kan karaatti deebisan guddina biyyaatiifis hordoftootasaanii qindeessuun kan hojjetanidha kan jedhan Haajii Mas'ud,  gumiin dhaabbata amantootaa Itiyoophiyaa keessumaa waggaa tokko keessatti lammiilee miidhaman jajjabeessuu, ajandaa biyyaa hordoftootasaaniif barsiisuusaa fi kitaaba maxxansuusaa dubbataniiru.

Rakkooleen Yunivarsiitiiwwan keessatti mul'ataniin dhiibbaa xin sammuu hir'isuuf mari'achuusaanii, gocha kanas balaaleffachuudhaan mootummaan deebii hatattamaa akka kennu beeksisuusaanii dubbataniiru.

 "Hawaasa keenya biratti rakkooleen namoota walitti bu'an jaarsummaa fi karaa dhaabbilee amantaa araaraan hiikamaa turan dagatamanii, karaa ragaa sobaa murtii barbaaduun duudhaaleen keenya dadaa deemuusaaniitiif mallattoodha" jedhaniiru.

Barsiisa amantaa fi aadaa akka boodatti hafaatti ilaaluu, manneen amantaa itti gaafatamasaanii sirnaan ba'uu dhabuu, jidduu galummaan siyaasaa ka'umsa rakkoo kanaa kan dubbatan Hajii Mas'uud, nageenyi amansiisaan akka jiraatu dhaabbileen amantaa ga'ee irraa barbaadamu ba'uu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015