Guyyaan Biyyaan Boonnu Sirna Hoo'aan Kabajamaa Jira

59

Qaammee 3/2011 Guyyaa  biyyaan  boonnu Finfinnee addababayii Masqalaatti sirna ho'aan kabajamaa jira.

Kutaaleen hawaasaa addaddaa agarsiisa kanarratti kan hirmaatan yoo ta'u jiraattonni magaalaa Finfinnees agarsiisa aadaa fi seenaa biyyattii mul'isan hiriiraan agarsiisaniiru.

Raayyaan ittisaa fi poolisiis hiriira loltummaa agarsiisaniiru.

Kantiibaa itti aanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa uumaa sirna kanarratti haasawa taasisaniin Itiyoophiyaa baroota dheeraaf kan turse tokkummaa ummattootaa ta'uu eeranii, biyyaan boonuu jechuun tokkummaa ummattootaa ta'uu eeraniiru.

Guyyaa barattoonni, dargaggoonni, Abbootiin arbanyootaa, atileetonni angafootaa fi kanneen biroo irratti hirmaatan kana kan qopheesse bulchiinsa magaalaa Finfinneeti.

Qaammee 1/2011 eegalee guyyoota walitti aanan 6f kabajamaniin lammiin hundi dhimma biyyaarratti hubannoo wal fakkaataa akka argatan gochuuf ni gaegaaea..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015