Injifannoo Amma Arganne Tifkachaa Dinagdee Naannoo Keenyaa Guddisuun Dhaloota Hiyyumaa Mo'ate Ijaaruun Xiyyeeffannoo Addaa Keenya

62

Finfinnee Qaammee 2/2011 (TOI)  Injifannoo amma arganne tifkachaa dinagdee naannoo keenyaa guddisuun dhaloota hiyyumaa moo'ate ijaaruun xiyyeeffannoo addaa keenya jedhan itti aanaan prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa.

Obbo Shimallis ibsa har'a midiyaaleef laatan irratti ergaa baga bara haaraan isin ga'ee dabarsaniiru.   

Bara 2012tti fayyadamtummaa ummataa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhaniiru itti aanaan prezdaantii obbo Shimallis Abdiisaa.     

Jijjiirama bara hojii 2011 keessa argame cimsachaa, milkaa'ina hojii karoora bara 2012 ummanni tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Barri 2012 bara fayyadamtummaan ummataa caalaatti itti fooyya'u akka ta'uuf, mootummaan naannichaa hawwii qabu ibsaa, cimees ni hojjata jedhan obbo Shimallis.

Barrii haraan simannu, bara hojiiwwan abdii uuman itti hojjataman, nageenyi caalaatti itti mirkanaa'u, olaantummaan seeraa itti kabajamu, ummanni hiyyummaa keessaa akka ba'uuf warraaqsi diinagdee itti jabaatu, haalli mijataan lammilee hojii dhabdootaf itti uumamu akka ta'uuf mootummaan naannichaa ni hojjata jedhan obbo Shimallis.

Gama siyaasaan Jijjiirama bara 2011 keessa argame itti fufsiisuuf, bara 2012 keessa dinagdeen naannichaas ta'e kan ummataa akka foyya’u dursarratti xiyyeeffannoodhaan ni hojjenna jedhaniiru.

Caasaan mootummaa sadarkaan jiru kana galmaan ga'uuf itti gaafatamummaasaa ba'uu akka qabus hubachiisaniiru.

Ummanni Oromoo tokkummaasaa jabeeffatee, qormaata isa mudatan kamiifuu osoo hin jilbeeffanne xiiqiin hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015