Dargaggoon Misooma Kuduraa Fi Muduraatiin Bu’a Qabeessa Ta’e Hordoftoota Horachaa Jira

78

Gobbaa Hagayya 30/2011 (TOI) – Godina Baalee aanaa Gindhiiritti dargaggoon bishaanitti Fayyadamuun misooma kuduraa fi muduraatiin bu’a qabeessa ta’e hordoftoota horachaa akka jiru ibse.

Dargaggoon kun qonnaan bultoota aanicha keessaa naannawoota hanqina bokkaa qaban keessa jiraatan keessaa tokko yoo ta’u, kan jiraatus qanda Katatii keessadha.

DargaggoonTaasisaa Nugusee godina Shawaa Bahaa naannawa Maqii hojii guyyaa qaxaramee hojjechaa wayita turetti muuxannoo misooma kuduraa fi muduraatiin argatetti fayyadamuudhaan lafa heektaara sadiirratti oomisha paappaayaa, timaatimaa fi qullubbii misoomsuu jalqabe.

Misooma kana kan jalqabe waggaa tokkoo asitti yoo ta’u bishaan bokkaa kuusuudhaan paampii motoraatiin baasuun akkasumas filannoowwan bishaanii kanneen biroo fayyadamuuni.

Dargaggoon kun TOIf akka jedhetti misooma kuduraa fi muduraa misoomsaa jiru kanarraa yeroo oomishaa tokkotti galii birrii miiliyoona lama argachuuf karoorfateetu hojjechaa jira.

Hojii amma ammaatti hojjeteenis timaatimii oomishe konkolaataa ayisuuzuu 22n gabaa baasee birrii miiliyoona 1 fi kuma 800tti gurguruusaa dubbateera.

Galii karoorfate timaatimii qofaarraa akka argatu himee, oomishni qullubbii fi paappaayaa haala gaariirratti waan argamaniif bu'aa gaarii akka eegu ibseera.

Hojii kanaan bu'a qabeessummaa isaa kan argan hordoftoota horachuu bira darbee dargaggoota 30 caalaniif carraa hojii uumuu danda'eera.

Qonnaan bultoota gandichatti sagantaa seeftiineetiidhaan qabaman keessaa obbo Sulxaan Kabie Huseen gamasaaniitiin kanaan dura rooba eeguudhaan boqqolloo fi misingaa oomishaniin maatiisaanii bulchuuf akka rakkatan yaadataniiru.

waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa aanaa Gindhiiritti ogeessi ekisteenshinii jallisii obbo Abduraahimaan Bakar akka jedhanitti aanichatti misooma jallisii marsaa lamaan lafti heektaara kuma 4 caalu kuduraa fi muduraadhaan misoomaa jira.

Itti gaafatamaan waajjira qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa obbo Daawud Abdurrii gamasaaniitiin godinichi bishaan lafa keessaa fi lafarraan badhaadhaa ta'us qonnaan bulaan maxxantummaa roobaa jalaa ba'uurratti hanqinni akka jiru dubbataniiru.

Yaalii amma ammaatti taasifameen lafti heektaara kuma 78 ol ta'u kuduraa fi muduraa addaddaatiin misoomaa akka jiru kan himan itti gaafatamaan kun  lafa kanarraa oomishni kuntaala miiliyoona 11 ol akka eegamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015