Namootni Karaa Seeraan Alaa Maashoo Kuntaala 700 Konkolaataan Fe'anii Deemaa Turan Qabaman

93

Gobbaa Hagayya 30/2011 Godina Baaleetti namootni karaa seeraan alaa Maashoo kuntaala 700 Konkolaataan fe'anii adeemaa turan to'annoo jala ooluu isaanii poolisiin beeksise jira.

Oomishi sharafa biyya alaa argamsiisu kun eyyamaa tokko malee osoo adeemaa jiruu qabamuun isaa himamee jira.  

Qajeelcha poolisii Godina Baaleetti ogeessi divijinii komunikeshinii komaandar Naasir Umar har'a Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti akka himanitti namootni lakkoofsaan 6 ta'an kunneen oomisha kana karaa Godina Baaleettiin gara naannoo Somaaleetti dabarsuuf osoo yaalanii eeruu ummataan qabamuu danda'anii jiru jedhaniiru.  

Namootni kunneen kan qabaman oomisha Maashoo kana Hagayya 26 bara 2011 konkolaataa fe'umsaa 4n fe'anii osoo dabarsuuf yaalaa jiranuu to'annoo jala ooluu isaanii dubbataniiru.

Lakkoofsi gabatee konkolaataa oomisha kana fe'anii adeemaa turaniis FSR koodii 3 – 99109 A A, Siinoo koodii 3 – 82093 ET, Siinoo 3 – 95488 ET fi Siinoo koodii 3 – 90019 ET dha jedhaniiru.

Oomishi Maashoo kun mootummaaf galii ta'uu isaa himaniiru.

Namootni 6 oomisha kana karaa seeraan alaa dabarsuuf yaalan to'annoo jala ooluu isaanii dubbataniiru.  

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015