Waldaaleen Hojii Gamtaa Naannoo Keenyatti Argaman Fayyadamoo Nu Taasisaniiru --- Qonnaan Bultootaa Fi Jiraatota Magaalaa

71

Fichee/Naqamtee Hagayya 28/2011 /TOI/ - Waldaaleen hojii gamtaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa fi Wallagga Lixaatti argaman tajaajila gaarii nuuf kennuu isaaniin fayyadamoo taanee jirra jedhan jiraattonni godinaalee kanneenii.

Tajaajilamtoonni kunneen Tajaajila Oduu Itiyoophiyaaf akka jedhanitti waldaaleen kunneen oomisha qonnaa fi Indastirii waan nuuf dhiyyeessaniif gabaan naannawa keenyaa akka tasgabbaa'u taasisaniiruu jedhaniiru.

Jiraattoota kanneen keessaa jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsoo ganda Waraxuu obbo Adaree Simuu akka jedhanitti waldaan hojii gamtaa galteewwaan qonnaa hedduu gatii gadi aanaan nuuf dhiyyeessaa jira.

Waldaaleen kunneen meeshaa ijaarsaa kan akka Qorqorroo fi qorichoota garaa garaa kan akka qoricha Aramaa dhiyyeessaafi akka jiranis dubbataniiru.

Jiraataa aanaa Giraar Jaarsoo kan ta'an obbo Addunyaa Dhaqqabaa gamaa isaaniitiin waldaaleen kunneen midhaan nyaataa garaa garaa nuuf dhiyyeessuu isaaniitti gammanneerra jedhaniiru.

Oomisha waldaaleen kunneen dhiyeessan keessaas qullubbii, mi'eessituu garaa garaa fi Xaafii gatii madaalawaan akka argachaa jiran dubbataniiru.

Godina Shawaa Kaabaatti hojii gaggeessaan yuuniyeenii qonnaan bultootaa Biiftuu Salaalee obbo Darajee Abbaabbuu akka jedhanitti waldaan isaanii birrii miiliyoona 33 ol ramaduun midhaan nyaataa fayyadamtootaaf dhiyeessuu isaa himanii jiru.

Yeroo Ayyaanaa waggaas faayidaa ummataaf kan oolan oomishaalee garaa garaa kan dhiyeessan ta'uus himaniiru.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Wallagga Lixaattis waldaaleen hojii gamtaa ummata fayyadamoo taasisaa jiraachuutu beekame.

Jiraataan aanaa Sayyoo Noolee obbo Taakkalaa Asaffaa akka jedhanitti " yuuniyeeniin qonnaan bultootaa meeshaalee qonnaa nuuf dhiyyeessaa jira " jedhaniiru.

Jiraattota yaada isaanii kennan keessaa addee Addis Taayyees waldaaleen hojii gamtaa oomishaalee garaa garaa nuuf dhiyeessuun gabaan naannoo keenyaa akka tasgabbaa'u taasisaniiru jechuun dubbataniiru.

Yuuniyeeniin kun yeroo ammaa kaappitaala birrii miiliyoona 74 oliif, miseensota kuma 27 ol kan qabu ta'uu ragaan argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015