Bahimaas Obomboleettii Dooryaan jedhamuun Rukutamte

101

Hagayya  27/2011(TOI) – Odoloota Kaariibiyaan keessaa tokko kan taate Bahimaas obomboleettiinhamaadhaan rukutamtee manneen diigamaniiru, lolaanis mudateera.

‘BBC’n akka gabaasetti gosa Dooriyaan isa shanaffaa kan ta’ee fi suuta jedhee kan deemu obomboleettiin kun Atilaantiik irratti riikordii sadarkaa lammaffaa irratti galmaa’uusaa fi sa’aatii tokko keessatti kiiloomeetira 250 qilleensa’aa akka jiru ibsameera.

Obomboleettiin lubbuudhaaf sodaachisaa akka ta’e ibsame kun meetira torba fuulduratti akka furguggifamus himameera.

Obomboleettiin suuta jedhee fuulduratti deemaa jiru kun qarqara galaanaa Ameerikaa bahaa rukuchuu ni danda’a jedhamee sodaatameera.

Sababa kanaan Bulchiisonni Ameerikaa Filooriidaan, Joorjiyaan, Kaaliifoorniyaa kaabaa fi kibbaa labsii yeroo hatattamaa labsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015