Godina Shawaa Lixaatti Lagni Awaash Humnaa Ol Guutuun Balaa Qaqqabsiise

83

Ambo Hagayya 21/2011(TOI) - Godina Shawaa Lixaatti Lagni Awaash humnaa ol guutuun lolaa tibba kana qaqqabsiiseen lafa qonnaan bultootaa heektaara kuma 3 fi 500 irratti miidhaa qaqqabsiisuu isaa waajjirri komunikeeshinii Godina Shawaa Lixaa beeksiseera.

Hogganaan waajjira Komunikeeshinii godina Shawaa lixaa obbo Guutaa Bulchaa akka jedhanitti balaan kun kan qaqqabe aanaa Ejersa Lafoo fi aanaa Ejeree gandoota 12 keessatti dha.

Lafti heektaarri kuma 3 fi 500 lolaan uwwifamuu isaan miidhaan gandoota kanneenitti faca'ee ture Qamadii, Boqqolloo fi Mishingaan guutummaatti faayidaan alaa ta'uu isaanii himaniiru.

Balaa kanaanis qonnaan bultoota kuma 12 irra miidhaan ga'eera jedhaniiru.

Waajjira balaa sodaa godina Shawaa lixaatti hogganaa kan ta'an obbo Tashoomaa Mardaasaa yaada kennaniin akka jedhanitti balaa qaqqabe kana koreen qoratee gargaarsa dhiyyeessuu dhabuu isaa himaniiru.

Balaa kanaan lubbuu nama irra miidhaan qaqqabe kan hin jirre ta'uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatu gabaase.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015