Ogeeyyiin Fayyaa Aantummaa, Naamusaa Fi Qajeelummaan Ummata Isaanii Tajaajiluu Qabu --- D.r Darajjee Dhugumaa I/G/B/E /Fayyaa Oromiyaa

96

Hagayya 19/2011 - Hospitaalli Sandaafaa bara 2005 baajata mootummaa birrii miliyoona 34n eegalame guyyaa har'aa bakka hawaasni naannoo sanaa argametti eebbifameera.

Hospitaalichi meeshaalee Kenna tajaajila fayyaa guuttachuun hojjettoota ogummaa adda addaa qabaniin hojii isaa kan eegale ta'uu hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr Darajjee Dhugumaa himaniiru.

Ogeessotni fayyaa aantummaa, ofitti amanamummaa fi quuqama Oromummaan uummata isaani tajaajiluu akka qabanis Dr.Darajjeen dhaamanii jiru.

Hawaasa keenya osoo hin baratiin nu barsiise qixa ogummaan fayyaa gaafatu eeggachuunn tajaajiluu fi hospitaalicha dorgomaa taasisuuf hojechuu akka qabban dhaamuun ummannis hospitaalicha kunuunfachuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru. Kan gabaase biiroo dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015