Sirni Haaromsa Gadaa Arfan Walisoo Bulchiinsa Magaalaa Walisootti Adeemsifamaa jira

192

Hagayya 18/2011 /TOI/- Sirni Haaromsa Gadaa Arfan Walisoo Bulchiinsa magaalaa Walisootti adeemsifamaa jira jedhe waajjirri Aadaa fi Tuurizimii bulchiinsa magaalaa Walisoo.  

Marii paanaalii fi agarsiisa aadaa taasisuuf kan karoorfame ta'us itti gaafatamtuun waajjira Aadaa fi Tuurizimii bulchiinsa magaalaa Walisoo Aadde Hawwii Dheeressaa himaniiru.   

Sirni Gadaa kun ji'oottan lamaan darbaniif sirnoota adda addaan akkaataa duudhaa ganamaa agarsiisuun raawwatamaa tureera.

Saganticharratti manguddoonni, abboottiin gadaa, foolleen, hawaasni magaalichaa fi naannooshee irratti hirmaachaa jiru jechun Biiroon komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015