Naannoo Oromiyaatti Manni Maree Tajaajila Lammummaa Hundaa’e

137

Hagayya 17/2011 (TOI)- Naannoo Oromiyaatti manni mare tajaajila lammummaa pirezidaantii naannichaatiin durfamuuhundaa’eera.

Manni mare kun bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa addaddaa  miseensa kan itti ta’an yoo ta’u,  amma sadarkaa gandaatti hundaa’uunsaas eerameera.

Manni maree kun mootummaa naannichaa, abbootii gadaa, ootii amantaa,  Jaarsolii biyyaa, dargaggoota, dubartootaa fi kutaalee hawaasaa addaddaa of keessatti qabateetu hundaa'e.

Tajaajilli lammummaa yookiin danbiin tajaajila tola ooltummaa Caffee naannichaatiin ragga'e erga ba'ee booda baatii tokko qofa keessatti ummanni miiliyoona 7 tuqaa 5 ol irratti hirmaateera.

Tajaajila tola ooltummaa taasifameen kanneen humna hin qabne miiliyoona 6 ol ta'aniif deeggarsi addaddaa taasifamuusaa itti gaafatamaan dhimmoota komunikeeshinii mootummaa naannichaa obbo Admaasuu Daamxoo ibsaniiru.

Tajaajilli kun maallaqaan yoo tilmaamamu birrii miiliyoona 463 ol akka ta'us dubbataniiru.

Barbaachisummaan tajaajilli lammummaa/tola ooltummaa biyya mijooftuu taate ijaaruuf, tokkummaa ummattootaa cimsuudhaan hundi wal ta'ee biyya mijooftuu dhaloota  boruuf taatu har'a ijaaruuf kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Akkaataa sirna Gadaatiin waan gaarii hojjechuun jiraattota hundaaf naannawa mijaawaa uumuuf, qabeenya uumamaa haphachaa dhufe bakkatti deebisuu fi kanneen humna hin qabne deeggaruuf akka ta'e eeraniiru.

Pirezidaantiin itti aanaa naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa gamasaaniitiin hojii tajaajila baatiiwwan darban hojjetameen bu'aan gaariin akka argamee fi hojiin kun cimee akka itti fufu ibsaniiru.

Kenniinsi tajaajila kun fuulduraaf hojii mootummaa waliin qindoominaan akka hojjetamu eeraniiru. 

Obbo Shimallis akka jedhanitti, dhaloota naamusa qabu ijaaruudhaan naannoo fi biyya uumuutu barbaachisa.

Tajaajila kanaan hawaasaaf deeggarsa mijaawaa kennuun akka danda'amu kan eeran obbo Shimallis, tola ooltonni hirmaatan hojii hojjetaniif waraqaan ragaa ni kennamaaf, tajaajiloota addaddaa yoo barbaadan dursa akka argatan eeraniiru.

Fuulduraaf dargaggoonni barumsa sadarkaa lammaffaa xumuran naannoo Oromiyaarra darbee naannolee biroof tajaajila haalli itti kennan akka mijaa'u dubbataniiru.

Biiroon komunikeeshinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hagayya 10/2011 ibsa baaseen "carraan dhaloota boruu hirmaannaa lammiileen har'a taasisaniin murtaa'a" jechuunsaa ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015