Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Taayilaandii Fi Veetinaamitti Tajaajila Fe’umsaa Jalqabe

92

Hagayya 17/2011 (TOI) – Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa torbanitti guyyaa tokko Taayilaand  Baankookii fi Veetinaam Hanoo’iitti tajaajila fe’umsaa jalqabuusaa beeksie.

Hojii raawwachiisaan daandii qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaaram akka jedhanitti tajaajilli fe’umsaa haaraan kun jajaajila fe’umsaa Xiyyaara imaltootaan kennamaa jiru ni deeggara.

Tajaajilli kun Itiyoophiyaa fi Taayilaandi akkasumas Veetinaam jidduutti walitti hidhiinsa uumuu bira darbee daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Afriikaa keessa bakka qaqqabu biyyoota 60 waliin walitti hidhiinsa ni uuma jedhaniiru.

Akka ibsa obbo Tawaldeetti tajaajilli kun Itiyoophiyaan Baankookitti tajaajila fe’umsaa kennuudhaan Afriikaarra ishee jalqabaati.

Haala kanaan Taayilaandii fi Veetinaam irraa daldala alaa kanneen erganiif biyyoota Afriikaa 60 al tokkotti argachuuf carraa gaarii uumaaf jedhameera.

Tajaajilli kun Afriikaan alattis Baankookii fi Hano’iin Awurooppaa, Isiyaa jiddugaleessa bahaa fi Ameerikaa waliin wal quunnamsiisa jedhameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015